• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Qellem Wallagga onaa Daallee Wabaaratti waraannii fashistii Abiy Ahmed dargaggoo tokko yoo ajjeessan onaa Laaloo Qilee keessatti ammoo dargaagota humnaan gara adda waraanati erga jiru

Oct 12, 2022

Godina Qellem Wallagga onaa Daallee Wabaaratti waraannii fashistii Abiy Ahmed dargaggoo tokko yoo ajjeessan onaa Laaloo Qilee keessatti ammoo dargaagota humnaan gara adda waraanati erga jiru.
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Murni bilxiginnaa waraana naamusa waraanumma hin qabne jiraattotatti bobbaasun saamichaa geggeessanin cinatti rasaasan lubbuu lammiilee nagaa galaafachaa jiru.
Murnii bilxiginnaa dargaggoota fedhii isaani alaati Ukkaamsuun gara adda waraanaati erguun lolaa isaan hin ilaalanneti bobbaasun qoraan ibiddaaf qopha’ee gochuun cinatti ilmaan Oromoo rasaqsan rukuchuun lubbuu obbaasa jira.
Onkololeessaa 8,2022 godina Qellem Wallaggaa onaa Dallee Wabaara ganda homoo Walleessuu keessatti dargaggoo Qabbanna Birhaanuu jedhamu waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun rasaasa itti roobsuun ajjeessan.
Dargaaggo Qabbanna Birhaanuu kun barataa kutaa 9ffaa akka ture jiraattotni onaa Dallee Wabaara arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Akkasumas onaa Dallee Wabaara gandoota onichaa hedduu keessatti ergamtootni PP deggersa rayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa jechuun ummaata qaala’insa jireenyan miidhamuun ofiifuu waan itti jiraatu dhabee gidirsaa jiruu
Oduu biraatin Godina Qellem Wallagga onaa Laaloo Qilee keessaattis maqaa deggersa rayyaa impaayeera Itoophiyaatin ummaata
saamaa jiraachu fi dargaaggotaa aanaa kana nama 600 hanga 1000 barbaannaa jechuun dargaaggotaa onaa Laaloo Qileerraa ukkaamsun adda waraanaati erguun maatii ijoollee bossisaa akka jiran maddeen onaa Laaloo Qilee Arraata Biyyoolessaa Oromiyaati himani jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading