Godina baha Shaggar ona Fantaallee keessatti hidhattonnii bilxiginnaa haftee abbootii Gadaa Karraayyuu tokko ajjeesan.
ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2022 Impaayeerri Itoophiyaa Oromummaa balleessuuf aadaa, Afaan, amantaa fi sirna ittiin bulmaataa ummatichaatti duuluun jaarraa tokko oliif ummatni Oromoo eenyummaa isaa dagatee akka inni jiraatu taasisa turan.
Onkoloolessa 16, 2022 waraanni bilxiginna faashisticha Abiy Ahimadiin bobbaafaman baha Shaggar ona Fantaallee ganda Bommisaa jedhamutti haftee Abbootii Gadaa Karrayyuu yeroo darbee ajjeefamanii kan ta’a abbaa gadaa Boruu Roobaa Lakkuu kan jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Mataan nafxanyoota Abiy Ahimed waraana isaa uummata Oromootti bobbaasuun abbootii Gadaa kabajaa fi eeguumsi maluuf Oromummaan yakkanii ajjeesisa jiru.
Aggaammiin Abbootii Gadaa Oromoo xiyyeffatanii ajjeesuu kun Oromummaa fi duudhaa sirna Gadaa hundee irraa balleessuuf kan akeekameedha jechuun jiraattonni ona Fantaallee miiraa gaddaan guutameen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Abiy Ahimed karaa ergamaa isaa Shimallis Abdiisaatiin jalqaba baatii muddee bara 2021 abbootii Gadaa Karrayyuu jumlaan ajjeesuun duguggaa sanyii raawwachuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
