• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee keessatti hidhaan namoota nagaa irratti hammaachuu jiraattootni dubbatan

Oct 19, 2022

Kaaba Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee keessatti hidhaan namoota nagaa irratti hammaachuu jiraattootni dubbatan.
ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022
Oromiyaa keessatti kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa namoota nagaa badii tokko malee sobaan yakkuun hidhaan rakkisaa jiru.

Oromiyaa keessatti ilmi namaa nagaan ba’ee nagaan galuun kan itti ulfaate yoo ta’u kaaba Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee keessatti namoota nagaa ija shakkiin ilaaluun qabanii hidhuu aadeffataniiru.

Akka kanaanis ilmaan Oromoo murtii tokko malee waajjira poolisiitti dararamaa jiran Soorreessaa Girmaa, Ayyaantuu Kaffalaa, Tolosaa Gabbisaa, Qabbanaa Ijaaraa fi Farrasoo Alamuu kanneen jedhaman ta’uu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees hojjetaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Dajanee Tashoomaa jedhamus hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabda jechuun itti dabalanii kan yoo ta’u namoota hidhamanii jiran malee kanneen qabamanii achi buuteen dhabamaa jirus hedduu ta’uu kan jiraattoota magaalaa Ficheeti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading