• Fri. Mar 13th, 2026

Murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa lixa Shaggar ona Meettaa Walqixxee irratti fudhateen lubbuu namootaa 14 olii fi qabeenya balleessuun dhagaa’ame

Oct 21, 2022

Murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa lixa Shaggar ona Meettaa Walqixxee irratti fudhateen lubbuu namootaa 14 olii fi qabeenya balleessuun dhagaa’ame.

Murni bilxiginnaa loltoota isaa Oromiyaa keessatti bobbaasee ilmaan Oromoo ajjeesuu irra darbe yeroo garaagaraatti xiyyaara nama maleeyyii diroonii jedhamu fayyadamuun boombii samii gadi itti darbatuun lubbuu fi qabeenyaa gaaga’aa ture ammas itti jira.

Guyyaa dheengadda Onkoloolessa 19, 2022 tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lixa Shaggar ona Meettaa Walqixxee magaalaa Gooroo fi Eela keessatti fudhachuun waraana ergamtoota Abiy Ahimediin buqqisaniin booda magaalaa Eela dabalatee ganda Liillu irratti dhukaa’aa saamii irraa uummatatti xiyyaara waraanaa nama maleeyyii fayyadamuun darbatameen lubbuun namoota hedduu darbeera.

Namoota du’an keessaa reeffi namoota 14 kan adda ba’e yeroo kanneen biroon fuulli isaanii waan gubatee fi qaamni isaanii waan cicciteef eenyummaan isaanii baramuu hin dandeenye.

Namoota haleellaa kana keessatti lubbuu dhaban jedhaman keessa barattootni, manguddootnii fi namootni biroon keessatti argamu.
Tarkaanfii sanyii duguggaa murni bilxiginnaa aanichatti fudhateen namootni hedduun qe’ee gadhiisanii bosonatti baqachuu fi namootni magaalatti hafan hedduun waraana murna bilxiginnaan qabamanii hidhamaa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni bilxiginnaa Oromiyaa keessatti humna uummata Oromoo saboota itti kakaasee ajjeesisuun cinaatti tarkaanfiilee waraanaa jira jedhamu cufa fayyadamee bakka hundaatti lubbuu fi qabeenya sabichaa balleessaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading