Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doollootti tajaajilli bishaan dhugaati , elektirikii fi tajaajilli bu’uuraale hawaasummaa kan biroon danqamuun uummati rakkachaa jiraachuu barame.
ONM-ABO onko 25, 2022
Magaalan Dambii doolloo magaala guddaa godina Qellem Wallaggaa yoo taatuu ,magaala kana keessatti tajaajilli elektirii ,rakkoon bishaan dhugaatii fi uggurri sochii geejjibaa akkasumas tajaajilli bu’uuraale hawaasa kanneen biroon yeroo garaagaraati danqamuun uummanni magaalichaa rakkoo hamtuuf saxilaamaa jira. Yeroo itti uummanni qaala’insa jireenyaan miidhamee jireenyi itti hadhaa’a jirutti, magaalaa Dambii Doolloo keessaatti tajaajila elektirii addaan kutuun uummanni magaalicha dukkaana keessaa torbee tokko oliif akka jiraatu akkasumas dungoo fi boba’aaf akka baasu gochaa jiraachuu maddeen magaalaa Dambii Doolloo Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Kana malees tajaajilli bishaan dhugaatii magaalicha irraa torbee tokko oliif addaan citee akka jiru maddeen himun , rakkoo bishaan qulqulluu dhabuutiin namoonni bishaan qulqullina hin qabne fayyadamuun dhibeef saaxilama jiru. Sochiin geejjibaa magaalaa keessaa kanneen akka baajajii ugguramuunii fi meeshaaleen bu’uuraa hawaasni guyyuu fayyaadamus dunkaana irraa dhabamuun hawaasni magaala Dambii Doolloo haala hammaatas keessa jiru. Qaamni biyyaan bulchaa jira ofiin jedhuu bilxiginnaan rakkoo tajaajila bu’uuralee hawaasummaa uummata magaalaa Dambii Doolloo mudaate jiru kana furuuf hangaa ammati tattaaffii tokkollee akka hin goone maddeen dabaaluun ibsaniiru.
