Godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuuti Waraanni bilxiginnaa dargaggoo Oromoo tokko ajjeesan.
ONM-ABO onko 26, 2022
Murni irra deddeebiin ilmaan Oromoo ajjeesuu ,hidhuu Fi qe’eerraa buqqisun impayeraa keessatti nagaa Fi tasgabbiin akka hin jiranne tasisee ,turtii angoosaa dhereeffachuf ajjeechaa sukkaanneessa oromiyaa keessaatti ilmaan Oromoo irraatti rawwaatu jabeessee itti fufee jira. Fulbaana 25,2022 godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu Ganda Halaltuu keessatti dargaagoo Yooseef Malaaku kan jedhamu badii tokko malee daandii Ciraacha Gurraacha irraatti Waraanni weraartuu Pp rasaasa itti roobsuun ajjeesani bira darbuu jiraattotni himan Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota naannichaa tokko tokko dubbisun adda baaseeti dargaagoo Yooseef malaakun hawaasa naannoo isaa biraati nama namuusa qabu fi jallaatama ta’uu erga himaani booda,onaa mana sibuu kana keessaatti nagaa bane galuun ulfaata ta’eera jechuun sodaa qaban dabaalun ibsan
