Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwaa Caffaa keessatti humni addaa Amaaraa fi milishaan sirnichaa darara hamtuu uummata nagaa irraan ga’a jiru.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaa fedeeraalaan deggeraman Oromiyaa godinaalee hedduu keessatti hawaasa nagaa irratti dararaa dhala namaaf hin mallee raawwachaa jiru. Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwaa Caffaa ganda Goodaa jedhamu keessatti poolisootni humna addaa Amaaraa fi milishootni maatii qabsaa’ota dararuu fi dhuganii machaa’uun hawaasa nagaa shororkeessaa jiraachuu maddeen dubbatu.
Gochoota akka gudeeddii, saamichaa fi hidhaan daraan hammaatee kan jiru yoo ta’u akka hawaasni gandichaa tokko tokko jedhanittis namoota siyaasa kam keessayyuu quba hin qabne ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun reebicha hamaa irraan ga’aa fi mana hidhaatti darbaa jirus jedhu. Qaama itti iyyannus hin qabnu, jireenyi nuti keessa jirru jireenya yaaddooti jechuun yoo dubbatan, guyyuma du’a keenya eeggachaa jirra akkasumas biyyaa fi lafa keenya irratti wabii dhabne waan ta’eef jireenya hin qabnu kan jedhan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Daawwaa Caffaa ti.
