• Sun. Mar 15th, 2026

Kaabinoonni murna bilxiginnaa lixa Shaggar aanaa Cobiitti wal ga’ii ta’aniin hojiin nu harkatti kufee jira jechuun hojjattootaa fi hawaasa dararuuf karoorfachuun dhagaa’ame

Nov 5, 2022

Kaabinoonni murna bilxiginnaa lixa Shaggar aanaa Cobiitti wal ga’ii ta’aniin hojiin nu harkatti kufee jira jechuun hojjattootaa fi hawaasa dararuuf karoorfachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Aanaalee fi gandoonni baadiyaa Oromiyaa hedduun harka gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo harkatti kufuun aangaa’ota bilxiginnaa hedduu yaaddessee jira. Caasaan murna bilxiginnaa impaayeera Itoophiyaa sadarkaan jiru diigamaa kan jiru yoo ta’u lixa Shaggar aanaa Cobii keessattis kaabinoonni aanicha marii jechuun hojjattoota mootummaa kanneen jedhaman hunda guyyaa kaleessaa jechuun sadaasa 4, 2022 waamanii teessisanii turan. Ajandaan marii isaaniis hojiin nu harkatti kufee jira akka godina lixa Shaggaritti 22 ffaa baane hojii hojjachuu qabna, hojjataan miindaa nyaatu hunduu miseensa ta’uu qaba ykn Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamuu qaba, maagalaa kana keessaatti caasaa ijaaruu fi sakatta’insa gochuu qabna jechuun mari’atan.


Itti dabaluunis meeshaa dhokatee jiru arguu dandeenya, erga kana xummurree baadiyaatti bobba’uun WBO siyaasa nu caalaanii waan jiraniif irratti hojjechuu qabna jechuun hojjattootaa fi hoggantoota isaanii odeessa WBOf kennu jedhamanii shakkaman irratti tarkaanfii akka fudhatan dhaadachaa turaniiru. Akkuma Onkololeessa 23, 2022 hawaasa nagaa dirooniin ficisiisanii karaa waajjira koom8nikeeshinii isaanii tarkaanfiin murni bilxiginnaa fudhate kan jajjabeefamu jechuun dhiiga ilmaan Oromootti qoosaa turan ammas irra deebiin hawaasa rukuchiisuuf karoorfatanii jiraachuu hirmaattota walga’ichaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading