• Wed. Jan 14th, 2026

Aarsaan Oromiyaa Diiguuf Kaffalamu, Oromiyaa Ijaaruuf Haa Ta’u! (IRRA-DEEBII: Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo- Hagayya 30, 2022 taasifame)

Nov 6, 2022

“Aarsaan Oromiyaa Diiguuf Kaffalamu, Oromiyaa Ijaaruuf Haa Ta’u!”
(IRRA-DEEBII: Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo- Hagayya 30, 2022 taasifame)


Qabsoon Bilisummaa Oromoo dhiigaa fi lafee qabsaa’ota Bilisummaatiin gulantaa kanarra ga’eera. Kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo mirga Abbaa Biyyummaa fi Walabummaa Oromiyaa ta’uun beekamaadha. Ilmaan Oromoo akeekaa fi kaayyoo tiksitoota sirna moofaa faana hiriirtanii qe’ee Oromoo mancaasaa jirtan gara mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti akka deebitan gadi jabeessinee dhaamna!


Saboonni cunqurfamoon Impaayirittii keessaa, sirnicha ofirraa fonqolchuuf xiqqaarraa hanga guddaatti qabsoo saba isaaniitti makamaa jiru. Keessaahuu tiksitoota sirnicha Humna Addaa Naannolee fi Raayyaa Ittisa Biyyaa akkasumas, Poolisii Feederalaa keessa kan jiran qabsaa’oota saba isaaniitti makamanii seenaa gurraacharraa of baraaraa jiru. Nutis Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ilmaan Oromoo Mooraa diinaa keessa dhaabattanii Uummata irraa dhalattan darartan komee seenaa borii jalaa akka of baraartan dhaamsa keenya dabarsina.


Ilmaan Oromoo “Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Feederaalaa, Humna Addaa Oromiyaa , Gaachana Sirnaa fi Milishaa: Impaayera Itoophiyaaf” taatanii utuu beektaniis ta’u, utuu hinbeekiin sirna kufee lubbuu dhumaaf dhidhiittataa jiru ol qabuuf jecha qe’ee Oromoo dhiigaa fi gaddaan macheessaa jirtan; Gochaa fokkisaa kanarraa deebitanii qabsoo uummanni Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa gaafachaa jirutti akka makamtan gadi jabeessinee hubachiifna.


Yeroo isin seenaa fokkisaa kaleessaarraa barattanii Oromiyaa isin jaallattu ijaartan amma ta’uu hubattanii Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo keessan keessa socho’utti akka dabalmtan cimsinee hubachiifna.


Tarkaanfii waayillan keessan diinaaf meeshaa ta’uu dhiisanii gara mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiran waan jajjabeeffamuu fi tarkaanfii sirrii ta’uu hubattanii; Qe’ee Abbaa keessanii waraana isin keessa jirtaniin kabaja dhabetti kabaja akka hortan isiniif dhaamna.


Dhumarratti Humnoonni Alagaa kufaatii sirnichaa rifachuun daangaa Oromiyaa ce’uun Uummata Oromoo qe’ee irraa buqqaasuu fi duguuggaa sanyii raawwachaa waan jiraniif meeshaa diinaa hidhattanii diina humneessaa akka jirtan bartanii diina daangaa ce’ee dhufe Oromiyaarraa deebisuuf gara mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti akka makamtan irra deddeebinee isiniif dhaamna.


Maayii irratti Uummati Oromoo bal’aan quba qabaachuu kan qabu; Lola amma Humnoota Impaayirittii to’atanii jiranii fi to’ataa turan jidduutti adeemsifamaa jiru ilaalchisee:- Kaadirooti Mootummaa yeroo itti dhara dhugaa fakkeessuun Uummata keenya burjaajessanii, Uummati Oromoo lola isa hin ilaallannerratti Humnaaf qabeenyasaa akka qisaasuuf kakaasaa jiran ni mul’ata. Kanaafuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummata Oromoo bal’aatiin “Lola isin hin ilaallanne kamittuu galuu irraa akka of qusattanii fi ilmaan keessan, qabeenya keessan dhorgitan, diina Maqaa Olaantummaa Seeraatiin manatti isin duguugaa jiru akka ofirraa dhowwitan” jedhee isin yaadachiisa.

“Dhiigni Isin Oromiyaa diiguuf cobsaa jirtan, Biyya keessan Oromiyaa ijaaruuf haa ta’u!”

Injifannoon Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading