Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo fi Gumbii Bordoddee keessatti dararaan waraana murna bilxiginnaan uummata nagaa irratti raawwatu hammaate.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Ilmaan Oromoo erga Abiy Ahimed maqaa jijjiiramaan bu’aa warraaqsa uummata Oromoo butuun aangootti dhufee kaasee hiraarfama dhala namaaf hin malle akkasumas kan addunyaan quba hin qabne dhoksaatti irratti raawwachuun jireenya uummaticha mancaasaa jira. Murni bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimed hogganu waraana gara laafina tokko uummata Oromoof hin qabne itti bobbaasuun torbe kana keessa hawaasa Oromoo godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo fi Gumbii Bordoddee keessa jiraatu yakka tokko malee dararaa jira.
Waraanni faashistii kun aanaa Mi’eessoo magaalaa Asabootii fi gandoota baadiyaa cufa keessatti waraana bilisummaa Oromoo diinagdeen deggeraa jirtu jechuun hidhaa fi qabeenya isaanii saamaa jiru. Aanaa Gumbii Bordoddee keessattis murni naasuu tokko saba isaaf hin qabne karaa dabballootaa fi waraana keessaa gandoota baadiyaa irra deemuun waraanni bilisummaa Oromoo naannoo keessan keessa jiraata jechuun waltajjiin dararaa kan oolanii fi qabeenya isaanii re’ee humnaan jalaa qalachaa oolu.
Murni saamichaaf of qindeesse bilxiginnaan aanota lamaan kana keessatti ergamtoota isaa bobbaasee hidhaa, reebichaa fi saamicha irratti geggeessuun uummaticha jireenya hadheessee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa onoota lamaanii ibsaniiru.
