• Sat. Mar 14th, 2026

Poolisootni fedeeraalaa lama magaalaa Gimbii irraa WBOtti harka kennatan

Nov 7, 2022

Poolisootni fedeeraalaa lama magaalaa Gimbii irraa WBOtti harka kennatan.

ONM – ABO – Sadaasa 7, 2022 Laaffachaa fi kufaa deemaa jiraachuu murna bilxiginnaa kana hubatan ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’uun sirna cubbamaa fi yakkamaa kana tajaajilaa turan sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Kaleessa Sadaasa 6, 2022 miseensotni Poolisoosii fedeeraalaa murna bilxiginnaa lama qawwee AKM lama, boombii harkaa 2, rasaasa AKM 286 waliin murna Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf lubbuu ilmaan hiyyeessaa fixaa jiru ganuun WBOtti makamanii jiru. Poolisootni federaalaa kun turtii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa waliin taasisaniin humnaa fi goyomsaan qe’ee isaanii irraa qabamanii leenjii fudhachuu himuun har’a ammoo lola isaa hin ilaallanetti Oromiyaa fi Tigraay keessatti lubbuu hiriyoota isaanii hedduu dhabuu dubbatan. Kanaafis jedhan Poolisootni kun, nuti murna sirna Minilik durii deebisuuf Oromoo fi Oromoo balleesuuf hojjechaa jiru diina Oromoo waliin hin dalagnu jennee baaneerra jedhan. Kana booda waan dandeenyuun akkaataa qabsoon Oromoo gaafattutti cinaa ni dhaabbanna erga jedhaniin booda ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii sirnicha tajaajilaa jiran cufti qawwee isaanii qabachuun gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuun sabicha bilisummaa gonfachiisuu qabu jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading