• Thu. Mar 19th, 2026

Waraanni Mootummaa Abdii Kutannaarran kan ka’ee Namoota Nagaa Ajjeesu Reeffa nama guba jiru

Nov 7, 2022

Waraanni Mootummaa Abdii Kutannaarran kan ka’ee Namoota Nagaa Ajjeesu Reeffa nama guba jiru.

(Sadaasa 7/2022)

Sadaasa 6/2022 Halkan Magaalaa Dambii Doolloo keessatti Waraanni Mootummaa obbo Daggafuu Shotaa maanguddoo haala nama suulanneessuun ajjeesan.

Maanguddoon kun Hojii Guyyaa hojjetanii kan jiraatan yoo tahu, Waraanni Sirna Bututee Suphuuf yaalu Magaalaa Dambii Dolloo keessatti ajjeesun reeffasaa mana Barumsaa Laaftoo cinatti galtu osoo isaan Bataskaana Madaanalamiiti waaqa kadhatanii galaa jiranii bifa suukkanneessaan rasaasa itti roobsuun ajjeestee daandii irratti gatuun reeffa hawwaasni har’a argee awwaalee jira.

Obbo Daggafuun nama amala qabeessa jiruu hiyyummaa moo’uuf ifaajju ta’uun hawaasa isaanii keessatti beekamu. Haata’u malee, mootummaan shiftaan kun nama harka qalleessa kana ilmakeetu bosona jira jechuun naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatani

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading