Injifannoo Dhiigaan Arganne Tikfachaa, Amna Bilisummaa Eegalle Haa Xumurru
(Labsii Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)
Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo Onkololeessa 14, 2022 irraa eegalee tarkaanfii waraana faashisticha Abiy Ahimed buqqisuu bifa haaraa fi qindaa’aa ta’een fudhateen injifannoolee gurguddoo galmeessuun, aanotaa akkasumas bulchiinsa
magaalotaa to’annoo isaa jala galchaa jiraachuun ni beekama.
Diinni milkii WBOn galmeessaa jirutti dhoqee itti dibuuf waan dhama’uuf; gama tokkoon qabsoo bilisummaa Oromoo
yakkuuf lafa WBOn bilisoomse keessa dukkana da’oo godhatee yakka dalagee WBO maqaa xureessuun; gama biraan
ammoo namooti ofittoo ta’an dantaa yeroof jecha seerdhablummaa babal’isuun qabeenya Oromoo mancaasaa waan
jiraniif; uummati keenyi waajjiraalee fi namoota tajaajila hawaasa kennan kamuu kunuunfachuu malee akka hin malletti
itti bu’uun dhorkaa ta’uu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO hubachiisa. Fakkeenyaaf; dhaabbilee Fayyaa fi waajjiroota isaanii
kan akka (hospitaalaa, buufata fayyaa, kiliinikaa fi kkf), waajjiraalee Ibsaa, Telekoominikeeshinii, Baankilee, Geejiba,
Bishaan, Qonnaa fi kkf dhaabbilee miti mootummaa kanneen investiment irratti bobba’an hundi nageenyi isaanii tikfamuu
fi kunuunfamuu qaba.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) akeeka bilisummaa saba Oromoo dhugoomsuuf wareegama ulfaataa yeroo baasaa jiru keessatti, qaamni kamuu akka uummata keenya irratti yakka hojjetus ta’e seerdhablummaa babal’isu, qabeenya isaa
mancaasu WBOn hin haayyamu.
Wareegamni ulfaataanis kan ba’aa jiruufis uummata keenya haqa, nagaa fi bilisummaa
gonfachiisuudhaaf malee akka dacheen Oromiyaa dirree yakkaa fi sirnadhablee taatuuf miti. Haala akkasii keessatti
uummatni Oromoo WBO gargaaruun haqaa fi nagaa waaraa argamsiisuuf waardiyaa dhaabbachuun dirqama isaati.
Bulchiinsa haarawaa Oromoon diriirfatu keessattis namoota dandeettii, amanamummaa fi yeroo itti qaban hirmaachisuun dirqama. Injifannoo keenyatti iggitii tolchuuf hojii bulchiinsa gaarii diriirsuun murteessaa fi hojii tarsiimoo akka ta’e uummati keenyis ni hubata.
Hawaasni keenya koree bilisummaa fi bulchiinsa yeroo jalatti seeraan taliigamuun naamusa jabaa qabaachuun
injifannoolee argaman kunuunfachuuf hojjechuu qaba. Qaamota yakkaa fi sirnadhablummaa irratti hirmaatan WBOtti
gabaasuunii fi of keessaa baasuuun wareegama keenyatti kabajaa hora, amna gara bilisummaatti eegalles milkiin akka
xumurruuf nu gargaara. Sana irra darbee bifa seeraa fi safuu Oromoo cabseen qabeenya uummataa mancaasuun, hatuun,
saamichaa fi haaloon dhiiga wal dhangalaasuun marti dhimma diinni Oromoo barbaadu waan ta’eef irraa of qusachuun fardii dha. Sun ta’uun yoo hanqatee WBOn tarkaanfii sirreessaa fudhachuuf dirqama.
Ammatti yakkootaa fi sirna dhablummaa ittisuuf jecha, qaamota halkan da’oo godhatanii sosso’an ugguruuf, bakkoota
WBOn sirna bulchiinsa diinaa buqqisee jiru keessatti sochiin halkanii ugguramee jira. Haala kanaan galgala galchuma
sa’aa 7:00 irraa eegalee hanga barii barraaqaa sa’a 6:00tti ykn akka lakkoofsa biyyaatti sa’a 1:00 irraa qabuun hanga barii
sa’a 12:00tti namni kamuu sababa ga’aa fi quba qabeenya qaama bulchiinsa WBO waliin wal quba qabuun alatti sosso’uun dhorkaa dha. Ugguri kun sochii dhukkubsattootaa, dubartoota ulfaa, balaa tasaa fi balaa dirqaman karaatti nama baasan hin ilaallatu.
Uggurri sochii kun gaaffii uummataatiin, akka uummatni Oromoo hin saamamne, hin miidhamnee fi qabeenyi naannoo
isaa akka hin mancaane ittisuuf WBOn gaafatama ulfaataa waan qabuuf labsame dha. Diinni uggura ittisa uummataaf
godhamu akka uggura abbootiin irree aangoo isaanii dheereffachuuf godhan waliin kan wal fakkeessee dhiheessuu yoo
jiraate, Oromoon dammaqee dhugaa jiru hubachuun amna bilisummaa fi walabummaa itti jirru xumura itti tolchinu
shakkiin hin jiru. Injifannoo dhiigaan arganne tikfachaa, amna bilisummaa eegalle xumuruuf, akka sabaatti naamusa
siibiila irra jabaa ta’e qabaachuun dirqama!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 8,2022
