WBOn Kaaba Shaggar aanaa Darraa magaalaa aanichaa fi aanaa Kuyyuu mooraa waraanaa irratti tarkaanfii fudhate.
ONM-ABO Sadaasa 14,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa kaleessa Sadaasa 13,2022 kaaba Shaggar aanaa Darraa magaalaa aanichaa kan taate Adaree/Gundoo Masqal cabsuun humna diinaa 50 ajjeesee hedduu madoon adabee diina magaalicha keessa maandheffate ture guutummaatti ari’ee jira.
Tarkaanfii guggubduu WBOn fudhate kanaan meeshaa waraanaa AKM 67 fi meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikkachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Kana malees kaabuma Shaggar aanaa Kuyyuu keessattis tarkaanfii itti fufuun mooraa guddaa iddoo Dayyii jedhamu ture haleelee barbadeessuun humna diinaa du’aa fi madoon kan adabe yoo ta’u kan hafan mooricha guutumatti gadhiisuun baqatanii jiru.
Injifannoo argametti uummatni Oromoo naannichaa gammaduun caasaan bilxiginnaa ammoo rifatuu kaassa seenuun gara magaalaa godinaatti baqataa jiru.
Injifannoon uummata Oromoof!
