Haleellaa sanyummaa gidduu galaa godhatee Kan gareen abiiy Ahmad humnoota alaaf finxaaleyyii Faannoo Amaaraa affeeruun akkasumaas haleellaa qilleensarraa xiyyaara Nama maleessa fayyadamuun Oromoo fixaa jiruu!
lolaa calleensaaf duguuggaa sanyii uummata Oromoo irraatti humnoota Abiyyiif tumsitoota sirna Gita bittuu gonfoon Oromoo irraatti banamee ji’oottan 6n darbaniif duguuggaa sanyii ulaagaa guute tahuun oromoorratti samiif dachiin ibiiddi itti qabsiifamee jir.
Waraanni waggaa 4 oliif oromoo irraatti banamee jiruu ta’ee jedhamee dhageetti dhorkuuf ukkaamfamee uummata nagaa sirni gitaa bittu PPn duguugamaa jiraa. haaluma kanaan Oromoon birmannaaf tumsa tokkoon maleetti qunnaamtii irraa jiruun Addunyaa irraa adda baasuun lollii erga itti banamee waggaa 4 ol lakkoofsisee jiraa, addaattimmoo baatilee 6n asiitti humna lafoof xiyyaaraan humnoota alaaf naannooee biroo affeeruun duguuggaa sanyii Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiraa. kanaanis hidhaattoonni Faannoof waraanni Eritrea, Horroo guduruu wallaggaa, baha wallaggaa, Bahaa shaggaar fantaalleef Kaaba shaggaar warraa jaarsoof Darraatti duuluun uummata qulquulluu duguugguun qe’eef qabeenya isaa irraa buqqisuu itti fufanii jiruu.
dabalataan waraana lafoon dabalataatti humna qilleensaaf xiyyaara Nama maleessaan uummata nagaa Ajjeesuun qe’eerra buqqisaa jiraa. kana malees gargaarsa namooma tajaajila hawaasummaa kanneen akka Ibsaa, bishaan, network, mana yaalaf baankii godinoota Oromiyaa adda addaa irraa kutuun akka meeshaa waraanatti dhimmaa itti bahaa jira.
•Ebla 16 2022 Horroo guduruu wallaggaa aanaa kiramuutti Oromoo nagaa 26
•eebla 23- 26 lixaa shawaa aamboof naannoo ishiitti oromoota nagaa 19
•ebla 26 horro guduruu wallaggaa finca’aatti namoota nagaa 3
•ebla 28 jaarsa waggaa 70 dabalatee giddugaleessa Oromiyaa ada’aa bargaatti Oromoota nagaa 40 haleellaa drone
•akkasumaas, waliitti fufiinsaa kaabaaf Kaaba lixa Shaggaar, yaayyaa haroo, abooteef gindibaraat keessatti Oromoota nagaa 36
•itti fufuun kibbaa Oromiyaa Gujii bulee biraatti ebla 28 Gujii bulee horaatti Oromoota nagaa 11 ajjeesaan,
~dabalataan haleellaa drone sirniichi cimsee itti fufeen onkololeessaa 19 Kaaba lixa Shaggaar meettaaf Meettaa walqixxeetti haleellaa magaala keessa bakka 3tti taasifameen baraattoota mana barnoota bahaan 16, hordooftoota amantaa piroteestaantii waldaa bahaan namoota 40 walumaa galaatti namoonni nagaan jireenya ofiitti jiraan obboolota 3 ilmaan Abbaa tokkoo 3 dabalatee namoonni 80 ajjeesaan!
•Itti fufuun onkololeessaa 19 Haga 21tti Bahaa wallaggaa nuunnuu qumbaatti Oromoota nagaa 30 ol’ haleellaa drone Kan haleelan Yoo taatu humna finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhee of waamu affeeruun Horroo guduruu wallaggaa aanoota 3 weerarsiisuun duguuggaa sanyii gaggeessaan.
•itti fufee onkololeessa 23 lixa Shaggaar cobii iddoo qaallee jedhamuutti Oromoota nagaa mana waaqeffaan amantaa protestant yaa’aan 80 ol’ fixuun 60 ol’ madoon gaaga’aaman.
~ barii isaa onkololeessa 24 itti fufuun uummata dronen haleelamee mana barnootatti qubsiifamee yaalamaa jiruu kana barnootaa waliin rukutuun haleellaa boombiin gubaan!.
■Lixaa Oromiyaatti ajjeechaa jumlaa Waggoota 4f itti fufee jabeessuun
• sadaasa 6-8 lixaa wallaggaa viilaatti Oromoota nagaa mana waqeeffannaa jiraniif jiruu isaanii gaggeeffataan 145 ol’ akkasumaas
•Sadaasa 8-9 mandiitti Oromoota nagaa 200tti dhiyaatan samiirraan ibiidda itti roobsuun duguuggaa sanyii gaggeessaan.
•itti fufuun Magaalaa naqamteetti baatii sadaasaa keessa magaalaa naqamteetti Oromoota nagaa 30 ol’ jumlaan Kan rashaanee humni faashistii PP kun ijoollee lama mana tokkoo dabalatee jumlaan fixiinsa gaggeesse jiraa.
•kana malees Sadaasa 10 2022 magaalaa naqamtee marfataa gubbaatti manguddoo tokkoo qabuun erga ija uummataa duraatti ajjeesaniin boodatti reeffa isaa maatii dhowwaachuun ibiidda itti qabsiisanii gubaan.
bifuuma walfakkaatuun humni faashistii humna waraana Bilisummaa Oromoo lafoon ofirraa ittisuu dadhabee uummataa nagaa fixuun haaloo bahuumsa meesha maleeyyii irraatti gaggeessuu itti fufuun
~Sadaasa 14 lixaa Shaggaar magaala cobiitti iddoolee tajaajila hawaasaa tahaan mana amantaa ortodoksiif buufata fayyaa irraatti haleellaa qilleensaa xiyyaara Nama maleessaan gaggeessen Oromoota nagaa 45,
•Kaaba Shaggaar Darraatti qonnaan bultaan qamadii haaman jiraan haleellaa drone 20 ol’
•akkasumaas Sadaasa 16 lixaa Shaggaar Amboo naannoo waddeessaatti Oromoota nagaa jiruu gaggeeffataan 50 dhiyaatan drone fixiinsa irraatti gaggeesse.
•Dabalataan guyyaa har’aa kana shawaa Bahaa boosatatti Oromoo nagaa 6 rasaasa itti roobsuun jumlaan fixaan,
•kana malees Sadaasa 15 irraa eegalee finxaaleyyii Faannoo qaama kiiloo 4n jiruun affeeramuun tumsa humnoota abiyyiin uummatanii Horroo guduruu wallaggaa, aanaalee akka jaardagaa jaartee magaalaa aliiboo gandoota aanittii guututti weeraruun jumlaan fixiinsaa gaggeessaan, kana malees Nama horiif qabeenya manaa waliin guututti ibiidda itti qabsiisuun bobeessaa jiruu, Haga ammaattis namni nagaan dhibnootan lakkaa’amaan lubbuun darbuuti himama!
Garee farraa dhalaa namaa taate Kan badhaafamaa noobelii 2019 colonel Abiy ahmadin durfamtuu tarkaanfii abdii kutannaa uummata sivilii irraatti fudhaattu kana akkaa dhaabduuf hawaasni addunyaa Akka dhiibbaa taasisu gaafanna. rakkoon walfakkaatan Haga Oromiyaa keessaa kana hin geenye biyyoota biraatti dhageetti argataa jiraachuun duguugguun Oromoo irraatti godhamaa jiruu sababni ukkaamfameef xiyyeeffannoo qaamonni Addunyaa Oromoof kennaan irraa Kan maddee waan taheef uummanni Addunyaa, miidiyaaf mootummaleen aanga’oon fixiinsa uummata nagaa irraatti godhamee kana Akka balaleeffataan gaafanna!
Jaawwii Jiillee
Qaamni waliif hin dhukkuubne xurii qeensa jalaan tokkoo!
