WBOn lixa Shaggar aanaa Cobii fi Jalduu keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise.
ONM-ABO Sadaasa 26, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Lixa Shaggar Onoota Jalduu fi Cobiitti eegdota impaayera dullattii Itoophiyaa akka fixeensa ganamaatti harcaasaa ture.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu fudhachuu itti fufuun Sadaasa 26/2022 har’a ganama barii sa’a 11:00 irraa eegalee hanga gabaasni kun qindaa’etti lola ona Jalduu magaalaa Osoleetti taasiseen humna waloo bilxiginnaa irraa 10 ajjeesee, 17 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabeera.
Humni diinaa tankaanfii kanaan rifate yeruma sana humna dabalataa kallatti garaagaraan itti fiduun irraan xiyyaara waraanaa diroonii jedhamuun marsaa jiru.
Haaluma wal fakkaatuun ona Cobiittis sa’a wal fakkaataatti lolli ganda Qorichaa Kootichaatti kan eegalee yoo ta’u, WBOn tiksitoota impaayera dullattii Itoophiyaa irraa 11 du’aan yoo adabu, 14 ammoo madoo keessa deebii hin qabneen adabeera.
Waraanni bilxiginnaa kun lola sanaan booda Waldaa Amantaa Ortodoksii Gabaa Sanbataatti du’aa isaanii awwaallachaa turan.
Injifannoon uummata Oromoof!
