• Sun. Mar 15th, 2026

Ajjeechaan Oromoo fi Abbootii Gadaa Michillee Irratti Raawwatame, Yakka Sanyii Duguuggaa ti! (Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)   

Dec 1, 2022

Ajjeechaan Oromoo fi Abbootii Gadaa Michillee Irratti Raawwatame, Yakka Sanyii Duguuggaa ti! 

(Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO) 

Seenaa Impayerri Itiyophiya keessatti, eenyummaa Oromoo awwaaluun imaammata dha. Imaammata kana hojiitti hiikuuf; inni duraa, eenyummaa Oromoo harkaa gatuu yeroo ta’u, inni lammaffaa ammoo hogganoota Oromoo eenyummaa isaanii sirnaan hubatan dhabamsiisuu dha. Haala kanaan sirnooti Impayera Itiyophiyaa kan bara Minilik irraa eegalee haga Abiy Ahimeditti Oromoo of-wallaalchisanii Oromoo irratti duulchisuun Oromoo fixuun beekamu.  

Sirni Abiy Ahimed Abbootii Gadaa Oromoo, hambaa seenaa Oromoo ta’an, jila Gadaa Michille irra turan Mudde 1, bara 2021 bifa sukkaneessaa ta’een rashanuun isaa kunoo Mudde 1, bara 2022 Waggaa tokko ta’e. Muddee 1, 2021 bakka Mootoma jedhamutti, Abbootiin Gadaa Michillee Jila Waaqa Kadhannaa gaggessuuf walitti qabaman; Poolisiin Addaa Oromiyaa, Poolisiin Aanaa fi Milishaatiin Sadaasa 30,2021 ganama godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee ganda Haroo Qarsaatti ‘miseensa Shanee baaasaa’ jechuun hiraarfamaa turan. Muddee 1, 2021 Abbootii Gadaatti miseensota jila kanaa namoota 41 ta’an itti marsanii bakka sanaa fudhanii deeman. Guyyuma kana yeroo biiftuun seente, dukkana dahatanii Abbootii Gadaa fi Haayyoota Miccillee 14 rashanan.  

Mudde 2, uummatni reeffa haayyota isaa fi Abbootii Gadaa kaasuuf yaalus humnootni mootummaa akka uummatni reeffa hin kaafne ittisan. Garuu, galgala keessa reeffa Abbootii Gadaa 14, kan qaama isaanii irratti hiraarfamni guddaa mul’atu argame. Haala kanaan Abbootiin Gadaa Oromoo Miccillee miseensa Shanee fidaa jedhamanii rashanaman seenaan bara baraan ni yaadata. Oromoon eenyummaa isaa gatuu dide Shanee jedhamee ajjeefamuun hiree Oromoon sirna Abiy jalatti qabu ta’ee jira. Abiy yakka hagana ulfaatu erga Oromoo irratti raawwateen booda qaamni yakka kana raawwate ‘shororkeessaa shanee’dha jedhe. Booda irra garuu, ajjeechaa Abbootii Gadaa Michillee irratti kan raawwate mootummaa Abiy akka ta’e qorannoodhaan mirkanaawe.  

Sirni Abiy, haayyotaa fi hogganoota Oromoo Gadaan Michillee Karrayyuu waggaa 40 itti dhama’ee qopheeffate halkan tokkoon dhabamsiise. Haala kanaan sirni kun Oromoo hedduu bifa muldhataa fi dhokataan dhabamsiisaa jira. Gochaan fokkotaa bifa kanaa kan Oromoo fi Oromummaa dhabamsiisuu, Oromoo cabsuun, mirga Abbaa biyyuummaa Oromoo haaluun, akka qe’ee isaa irratti abbaa hin taane, Oromoo hoggaanaa malee hambisuuf karoorfamee kan rawwaatame fi qaama sanyii duguggaa Oromoo irratti gaggeeffamuuti. Kunis, kan diinni innikkaa sagantaa Oromoo fi Oromiyaa cabsuuf Minilik irraa eegalee haga ammaa gaggeeffamaa jiruuti.  

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) duula duguuggaa sanyii Oromoo irratti qiyyaafatee gaggeeffamaa jiru Oromoo irraa qolachuun, onoota Oromiyaa hedduu dhuunfachuun, qe’ee gabroomfataa waaroo salphinaa itti uwwisuaa jira. Dhaloota harayaa hedduus leenjisee mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo(QBO) itti gabbisuun Oromoo boonsee jira. Firii wareegama qabsoos hojiin agarsiisaas jira. Diinni lola lafoon injifatame haguuguuf, halagaa kadhatee, qilleensa irraan gama Xiyyaaraa fi Droniin ilmaan Oromoo nagaa fixuu hojii isaa guyyuu godhatee jira. Duguuggaa sanyii karaa qilleensaa gaggeeffamaa jiru irra aanuuf ilkee diinaa hiddaan buqqisuun barbaachisaa ta’uu fi hirmaannaa Oromoon maraa akka gaafatu ABO-WBOn hubachiisaa. Muddee 1 guyyaa hayyoonni fi hoggaantoonni Gadaa Michillee diinni qe’ee Oromoo weeraruun jumlaan rashanamaan kanaas bakka jirutti akka yaadannuu fi WBOn ammoo lolaan akka yaadatu dhaamsa dabarfata.  

Walumaa galaatti, ilmaan Oromoo sirna kana jalatti hiriirtanii sanyii duguggaa Oromoo irratti hirmaachaa jirtan; akeeka dhokataa diinni lammii keenya fixuu fi lubbuu keessanis dhabmsiisuuf qabu irraatti dammaquun akka of duuba deebitan ABOWBOn hubachiisa. Warri sirna Abiy keessa goowwomtanii seentanii, amma akeeka dhokataa diinni qabu hubattan, uummata Oromoo waliin hiriiruun; du’aa, gidiraaf duguuggaa sanyii Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuun, qawwee keessan gara diinaatti garagalchitan ykn WBOtti makamtanii qabsoo fininsitan ABO-WBOn waamicha dhiheessa. Qeerroon Bilisummaa Oromoos bakka jiru maratti of-qindeessuun dirqama kennamu fudhachuuf of-qopheessuun, qajeelfama ajaja ol’aanaa ABO-WBO dabarsu sirnaan hojiitti hiiku dhaammata. Ummatni keenya mirga of-ittisuu qabuu dhimma bahuun, diina qe’ee Oromootti duulee sanyii Oromoo duguugaa jiru irraa of-ittisuun dirqama uumamaa ta’uus hubachiifna.  

Ajjeechaan Oromoo fi Abbootii Gadaa Michillee irratti raawwatamaa jiru, yakka sanyii duguuggaa ti! 

Wareegamtooti Oromoo fi Abbootiin Gadaa Miccillee Bara Baraan Yaadatamu! 

Injifannoo Uummata Oromoof! 

Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO 

Mudde 1, 2022 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading