Muddee 1 Guyyaa abaaramtuu!
guyyaa itti Oromoon Akka sabaatti salphatee, guyyaa Oromoo hoggaana dhabsiisuuf diinni hoggaanoota Gadaa #michillee jumlaan bakka tokkootti Kan fixee waggaa 2n har’aati.
seenaa keessatti guyyaa Oromoo mataa sirna isaa sirna Gadaa ittii dhabeedha, yaalii Mootonni habashaa Haga har’aatti jiraan yaalanii dadhabaan guyyaa itti PPn Abiyyii itti milkooftee Oromoo ijaa jaamsaniidha.
Guyyaa kana jaarmiyaaleen Oromoo guyyaa Yaadannoo taasifatanii heera isaanii keessatti labsuu qabu. asumaanis diinummaa sirna Kanaa dhaloonni akka baratuuf dhaloota dhaloota dabarsuuf barbaachisaadha. Itophiyummaan Oromoo ittiin ajjeesaan Kan Oromummaa balleessitee cabsuun moo’uuf deemtu Akka taates barsiisuuf gargaara.
Seenaa keessatti Oromoon Habashaaf @bisiniyaa waliin Haga waggaa 800 oliif walwaraansa keessa jiru kana keessatti diinni Akka isa alanaa kana Oromoo muudatee hin beeku.
Dhabamuu ykn Bilisoomuu,
guyyaa kana baraan yaadachaa hadhaa garbummaa Oromoon keessa jiruuf diinni sirna Itophiyaa Abiyyii Ahmad himaan jiraadha. dabaarruus dhaloota nufakkaatu itti barsiisneerra!
Jaawwii Jiillee
Seenaan isiin yaadata!

