Dhaamsa Oromummaa
Irraa: Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Gara: Ilmaan Oromoo Miseensa Raayyaa Ittisaa, Humna Addaa, Poolisii fi Milishaa Ta’uun Impaayera Itoophiyaa Tajaajilaa Jirtanii fi Kaabinoota PP Maraaf!
Dhimmi isaa: Aarsaa hin malle baaftanii du’uu fi qaama hir’achuun, maatii keessan rakkoo keessatti gatuu fi Oromootti ba’aa dabaluu irraa akka of qusattan irra deebiin isiniif dhaamuu ta’a!
Akkuma armaan olitti caqafamuuf yaalametti, haala yeroo raafama Impaayera Itoophiyaa mudatee Jiru keessatti, gara itti goruun isiniif ta’u hubattanii, mataa keessan akka aarsaa hin malle baasuu irraa baraartanii fi seenaa gurraacha uummata keessan irratti raawwattan haareffachuun, gara Qabsoo Oromiyaa ijaaruutti akka makamtan ykn akka Itoophiyaa tiksuuf jecha Uummata keessan miidhuu irraa of qusattan jechuutiin, Jaarmiyaan ABO-WBO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo, waamicha Oromummaa irra-deddeebii fi obsaan isiniif taasisaa turuun isaa ni yaadatama. Waamicha kanaaf deebii malu kennuutiinis, murtoon waahillan keessan: mataa ofii, seenaa ofii fi maatii ofii baraaruuf fudhachaa turanii fi jiran kan jajjabeeffamudha.
Haa ta’u malee, ilmaan Oromoo miseensota waraana Impaayera Itoophiyaa keessa jirtan muraasni, Waamicha Oromummaa Kabajaan isiniif dhiyaate kana akka waan bu’aa siyaasaatiif isin kadhannuutti maal-dhibdeetiin ilaaluun, Impaayera uummata Oromootiif naatoo tokkollee hin qabne tiksuuf du’a saree duutanii ykn qaamaa hir’attanii, ijoollee fi haadha manaa keessan bakkeerratti facaasaa jirtu. Maatiin keessan Oromoo irratti ba’aa ta’uun, rakkoo hawaasummaatiif uummaticha saaxilaas jirtu. Impaayerri isin duutaniif sun haguma isin duutan ykn madooftan qofatti akka isin jaallattu hubachuu hanqattani.
Waamichi Oromummaa isiniif taasisaa jirru kun dhumatuuf deema. Oromiyaan isin har’a diiguuf itti dhiigdan ijaaramtee, sirni impaayera kolonii isin har’a tiksuuf jecha Oromoota ittiif ajjeeftan diigamuuf deemti. Yeroo sana, yoo jiraattan sirna Oromoon ijaarratu jalatti, Oromiyaa keessatti ofitti yella’uu fi itti-gaafatamuuf jirtu.
Nuti akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti, hawwiin keenyi, waadaan wareegamtoota ilmaan Oromoo fiixaan bahee, harmee Oromoo fi daa’ima Oromoo waanjoo garbummaa Impaayera kolonii Itoophiyaa jalaa bilisa bahanii Bilisummaatiin Biyya isaanii Oromiyaa keessa Nagaan hojjetatanii jiraatan arguu malee, kan rakkoof saaxilamanii karaatti bahanii kadhatan arguu miti. Qabsaa’oti haqaa akka harmeen Oromoo fi ilmaan Oromoo hin rakkanneefidha kan, falmaa garbummaatiif rakkina haga wareegamaatti dhamdhamaa jiraniif. Rakkoo cinaan-dhufu (“collateral effects” ) akkasii hanqisuu ykn hambisuu kan danda’u ammoo, isin warra bakka hin taanetti aarsaa hin taane baasaa jirudha. Yeroo jirtanis, erga duutaniis harmee Oromoo fi daa’imman Oromoo boochisuu dhiisuun isinirra jiraata. Harmeen Oromoo fi daa’imman Oromoo, kutaalee, Oromiyaa keessatti badii keessaniif bakkeetti faca’anii jiran tokko lama miti. WBOn kan falmarra jiru, rakkina Harmee Oromootti xumura gochuufi.
Yoo du’a saree duutan ykn qaamaa hir’attan immoo, akkuma harmee daa’ima isii waliin karaatti baatee kadhattu asii gaditti argitanii kana, maatii keessan bifa qaannessaatiin bakkeetti facaasuutiin rakkoo hawaasummaatiif uummaticha saaxiltu.
Waan ta’eef, waamicha Oromummaa irra-deddeebii fi obsaan, kabajaanis isiniif Taasifamu daftanii qalbiin simachuun, akka ofii keessan, seenaa keessanii fi maatii keessan baraartan irra deebiin isiniif dhaamna.
Injifannoon Uummata Oromoof!

