• Tue. Nov 24th, 2026

Waamicha Sagalee Keessan Kennachuu!!

Dec 4, 2022

Waamicha Sagalee Keessan Kennachuu!!

[SQ Mudde 4/2022]

Yeroo ammaa kana Oromiyaa guutummaa irratti duulli fixiinsaa jabaan mootummaa Xoophiyaa fi naannollee birootiin qindeeffame gaggeeffamuutti jira. Haleellaan qilleensarraa fi lafoon uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira. Kanaan wal qabatee lubbuun hawaasa meesha-maleeyyii ajjeefamaa, qabeenyi jalaa gubachaa, akkasumas uummanni jumlaan qe’ee isaa irraa baqachaa jira.

Ga’ee miidiyaa inni ol’aanaan ammoo uummata sagalee dhabeef sagalee ta’ee, saba bal’aa fi gurra addunyaa biraan gahuudha. Nutis akka Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootti yeroo kamiyyuu caala dhimma uummata keenya haleellaa qilleensarraa fi waraana lafootiin irratti raawwatamaa jiruu gabaasuuf qophii irratti argamna.

Waan ta’eef, kanneen bakka qunnamtii fi odeeffannoo jirtan, Oromiyaa bakkeewwan hundarraayyuu oolmaa Oromoo fi Oromiyaa karaa keessaa (inbox) ergaa keessan akka nuun geessan jechuu barbaanna. Kanneen sagaleen yaada keessan qooduu barbaaddanis, karuma Facebook keenya kanaa, keessoon dhuftanii haala itti isiniif bilbillu akka nu mariisistan jenna.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Tuuta Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa

Leave a Reply