Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Miizan Teeppii fi Mana Barumsaa Gimbiis Hiriira Guyyaa Hara’aa Irratti Sagalee Dhageessisaniiru.
[SQ Mudde 6/2022]
Barattootni Oromoo sabni isaanii sirna gabroomfataa Bilxiginnaa fi Finxaaleyyii Amaaraatiin jalaa dhumaa jiru, guyyaa haraa’aa Mudde 6/2022 naannoo sabaa fi sab-lammoota Kibbaa Yuunivarsiitii Miizan Teeppii keessatti mormii qaban nyaata lagachuu fi sagalee isaanii dhageessisuun mul’isaniiru.
Gama biraatiin ammoo Godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbiitti barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa hiriira mormii sirna Bilxiginnaa fi saba isaanii weerartoota Amaaraatiin dhumaa jiruuf sagalee ta’aniiru.





