• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Qellem Wallagga ona Laaloo Qilee keessatti uggura gabaa fi sochii geejjibaa murna bilxiginnaan kaa’ame

Dec 7, 2022

Godina Qellem Wallagga ona Laaloo Qilee keessatti uggura gabaa fi sochii geejjibaa murna bilxiginnaan kaa’ame.

ONM-ABO Mudde 7, 2022
Kabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaa dantaa fi fedhii dhuunfaa isaanii malee faayidaa uummata tiksanii kan hin beekne uummata nagaa hojii daldalaa fi qonnaa hojjechuun of jiraachisan waraana itti bobbaasuun rakkoo hammaataaf saaxilaa jiru . Godina Qellem Wallaggaa ona Laaloo Qilee keessatti Muddee 3, 2022 Jimaata darbee sababa uummatni walga’ii kabinoonni fi waraanni bilxiginnaa waaman hirmaachuu didanif hanga gabaasni kun qindaa’etti uggurri gabaa fi sochiin geejjibaa dhaabbatee jira. Ugguurrii kun erga ka’amee guyyaa shan kan lakkoofsise yoo ta’uu ,dukkaanoonni fi manneen daldalaa cufamuun ummaannii waan nyaate buluu dhabee rakkachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Waktiin kun yeroo daldaala fi oomishaa callaa walitti qabatan ta’us yeroo murteessaa kanatti murni diinagdee fi hawaasummaan Oromoo cabsuu irratti hojjechaa jiru kun uummata manatti ittisuu fi wam irraa akka hin daldalanne gochuun hiraarsaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading