• Mon. Mar 16th, 2026

Sirni Oromoo fi Oromiyaa cabsuuf karoorfate ol adeemaa fi abdii borii hunda kichuutti harcaasuu jabeessee itti fufee jira

Dec 19, 2022

Sirni Oromoo fi Oromiyaa cabsuuf karoorfate ol adeemaa fi abdii borii hunda kichuutti harcaasuu jabeessee itti fufee jira.

(SQ-Mudde 19, 2022)

Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Magaalaa Giddaa Ayyaanaa keessatti Dargaggoo Magarsaa Tasfaayee Lammii jedhamu Waraanni Faashistiin Abiyyi ittiin Oromoo daguuguuf bobbaase, Mudde 18, 2022 guyyaa badii tokkoon malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu Maddeen Sagalee Qeerrootiif gabaasani.

Bakkoota hedduutti Lola Waraana Bilisummaa Oromoo faana godhu irratti milkii  kan dhabe Sirni Abbaa Irree kun yeroo adda Waraanaatti injifatamu loltootisaa hafan daa’imman, dubartoota, manguddoofi meesha maleeyyii hunda akka ajjeesaa deemu maddeen irra deddeebiin mirkaneessu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading