Waraanni bilxiginnaa godina Arsii bahaa ona Balee Gasgaar keessatti uummata humnaan waltajjii baasee doorsisaa turuun barame.
ONM-ABO Mudde 23, 2022
Murni uummata waliin dugdaa fi garaa ta’e bilxiginnaan uummata yaadota amansiisoo fidee of jala deemsisuu dadhabee ejjennoo abaaramaa finxaaleyyii Amaaraa moosiseen uummatatti dhiyaachuun hawaasni waan harkatti jibbeef uummata humnaan siyaasa isaa fudhachiisuuf afaan qawween waltajjii baasuu itti fufee jira.
Godina Arsii bahaa ona Balee Gasgaar magaalaa Balee keessatti uummata magaalaa cufaan dheengadda Muddee 21, 2022 waltajjii ba’aa jechuun waraanni magaalaa keessa olii fi gadi ulee fudhatanii namoota gara caayaatti ari’aa turan.
Waraanni kun manneen jireenyaa fi dukkaanota magaalattii cufsiisuun namoota booda irratti hafan uleen reebaa fi Waraana Bilisummaa Oromootu isin dhorkee jechuun arrabsaa of dura deemsisaa turan
Waltajjii kana irratti kaabinootni bilxiginnaa dhimma nageenyaa fi waraana bilisummaa Oromoo of keessaa baasaa akkasumas bilxiginnaan Oromoof wabiidha jechuun uummata barsiisuuf yaalanis hawaasni magaalaa Balee Gasgaar waggoota arfan darban nuti miidhaa keessan malee bu’aa keessan hin argine, kaleessa TPLF’n komachaa turre, amma warruma TPLF waliin turute nu miidhaa jira waan ta’eef siyaasa keessan amannee hin fudhannu jedhaaniin.
Xumura irrattis waltajjii irraa doorsisni garaagaraa hidhamuu fi ajjeeffamuun akka itti fufu kan kaasan yoo ta’u uummatichis gama isaatiin hidhaa fi ajjeechaan Oromoo akka gadi hin qabne isinuu ni beektu jechuun, Oromoon mirga abbaa biyyuummaa isaa kabachiifachuuf hojjechuu qaba jechuun gocha duguggaa sanyii sirna bilxiginnaa jalatti Oromol irratti raawwate balaaleffachuun yaada kaabinoota bilxiginnaa mormuu isaanii kan gabaasan maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa ona Balee Gasgaari.
