Waraanni murna bilxiginnaa aanota godina Qellem Wallaggaa keessatti dargaggoota ukkamsuun leenjii waraanummaa erguuf hidhee jiraachuun ifoome.
ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Murni bilxiginnaa lola impaayerattii keessatti dhaabbachuu hin dandeenye lammiilee isaa irratti erga labsee kaasee ilmaan haadha hiyyeessaa dantaa siyaasa isaaf qoraan ibiddaa gochuun haadholii hedduu qara ilaalchisaa hambise har’as gocha isaa irraa osoo hin baratin dargaggoota guuraa jira.
Godina Qellem Wallaggaa aanota adda addaa keessatti gocha dargaggoota ukkaamsuu itti fufuun kaleessa Muddee 29, 2022 aanaa Hawwaa Galaan ganda Mojoo keessaa waraanni PP, namoota 100 ol ta’an humnaan qabuun adda waraanaatti erguuf hidhee jira.
Namoota hidhaman kana keessaa muraasni;
- Wandimmuu Taadiwos
- Guddinaa Taaffasaa
- Fiqaaduu Qunee
- Gabayyoo Balaachoo
- Gammachu Tasfaye
- Hambisaa Caalii
- Magarsaa Iggazuu
- Tasfaa Raggaasaa
- Ifaa Qannaa
- Ifaa Shuulii
- Shoogilee Musayyan
- Mandaasaa Injiguu
- Dhuunfaa Tarfayyoo
- Ayyaanaa Asfawuu
- Kennesaa Abdataa
- Yaadataa Barii
- Shondaa Bokonnon
- Nagaasaa Dhugumaa fi kanneen maqaan isaanii nu hin geenyee akka jiran barameera.
Kana malees ona Sayyoo ganda baadiyaa Ifa Galaanoo keessaas namoota hedduu qabanii Miinkootti hidhanii jiru.
Bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo ganda Dhanqaa irraas dargaggoota hedduu qabuun mana hidhaa keessa kaa’anii jiru.
Waraanni fi kaabinootni murna bilxiginnaa godinichaa dargaggoota Oromoo adamsanii qabuun leenjii waraanummaatti erganii aarsaa galata hin qabne akka baasan taasisaa jiraachuutti kan aaraan jiraattonni lola Tigraay olaantummaa Abiy Ahimed mirkaneessuu qofaaf geggeeffameen loltoota bilxiginnaa kumaatamaan Tigraay irratti erga du’aniin booda araaraa jalqaba gaafatamee didetti deebi’uun barcuma isaa kan sirreeffate yoo ta’u garaan haadhaa garuu akka madaa’etti jiraachuu jiraattotni kun dabaluun addeessaniiru.
