• Fri. Mar 13th, 2026

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun hidhaan waraana bilxiginnaan geggeeffamu hammaate

Jan 4, 2023

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun hidhaan waraana bilxiginnaan geggeeffamu hammaate.

ONM – ABO Amajjii 4, 2023 Murni hidhaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamu bilxiginnaan  ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkuun mana hidhaatti guuruu itti fufee jira.

Akka kanaanis baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa keessatti kaabinootni fi waraanni bilxiginnaa  aanichaa qeerroo maqaan isaa Aliyyii Mikaa’el jedhamuu fi ilmaan Oromoo biroo badii tokko kan hin qabne  maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhu itti moggaasuun qabanii hidhan.

Namoota hidhamanii jiran kana mareef isin barbaanna jechuun waltajjii erga waamanii keessaa qabanii hidhan.
Aanaa Malkaa Bal’oo magaalaa Jaajaa fi araddoota biroo keessatti basaastota gadhiisuun namoota nagaa waraanaan qabsiisaa kan jiran kaabinootni bilxiginnaa gocha badii isaanii kana jabeessanii hojjechaa waan jiraaniif uummatni akka irraa of eeggatu kan dhaaman maddeen aanichaa ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading