Warraaqsi Oromoo Baraaruu bifa haaraan kibba baha Oromiyaatti dhohe.
ONM-ABO 5 Muddee 2023 Warraaqsi Oromoo bararuu bifa haaraan kibba baha Oromiyaa godina Arsii lixaa fi Baalee lixaa aanota garaagaraa keessatti har’a Amajjii 5,2023 Warraaqsi Oromoo Bararuu deebi’ee dho’uun qeerroo fi hawaasni daandii cufee jira.
Daandiiwwan cufamanii jiran
1.Arsii lixaa anaa Dodolaa magalaa Dodola
- Aanaa Dodolaa magalaa Heeraroo
- Aanaa Dodolaa Mandara Bariisaa
- Aanaa Dodolaa Mandara Baaqaa
- Aanaa Dodolaa Buraa Adellee
- Aanaa Dodolaa Kattaa Barnadaa
- Aanaa Dodolaa Waabee Burqituu
- Aanaa Dodolaa Mandara Gannataa
- Aanaa Dodolaa magalaa Eddo’ii
- Aanaa Adabbaa ganda Caataa
- Aanaa Adabbaa Hunxee Haroo
- Aanaa Adabbaa Gaara -Diilloo
- Aanaa Adabbaa Laajoo Burbiisaa
- Aanaa Adabbaa Washaa
- Aanaa Gadab Asaasaa Xameelaa
- Aanaa Gadab Asaasaa Roobee Garjeedaa
- Godinaa Baalee lixaa ganda Maqalaa
- Aanaa Dodolaa Buraa Adeellee
- Aanaa Adaabbaa magalaa Haqoo
- Aanaa Adaabbaa Hunxee Aloolaa keessatti daandii ugguramuun duula warraaqsa Oromoo bararuutti hirmaataniiru.
Kanaa waan ta’eef godinale Oromiyaa fi aanaaleen Oromiyaa keessa jiru martii warraaqsa Oromoo bararuu kanatti tokkummaa fi qindoominaan hirmaachuu qabu jechuun Qeerroowwan Bilisummaa Oromoo kibba baha Oromiyaa waamicha taasisanii jiru.
