Godinoota Arsii fi Baalee keessatti caasaaleen murna faashistii Itoophiyaa daldaltootni midhaan qamadii daldalan hundi qamadii bitanii godina biraatti geessanii akka hin daldalleef ittisuun dhagaa’ame.
ONM – ABO – Amajjii 9, 2023 Biyya jechuun uummata, uummata malee lafti biyya jedhamte hanga har’aatti addunyaa kanarratti hin beekamne. ,
Kanaaf biyyi biyya taatee jiraachuutiif dantaa fi fedhiin uummataa dhimma haalduree tokko malee kabajamuu qabu yoo ta’u, impaayera maqaa biyyaan of waamtu Itooohiyaa keessatti garuu murnoonni maqaa mootummaatiin of waaman humni uummataa humna isaanii akka caalu dagachuun, irree fi humnaan akka fedha isaaniitti uummata dhiitanii bulchuu bartee taasifataniiru.
Dhimmuma kanaan wal qabatuun Baalee fi Arsii keessatti namoonni hojii daldalaatiin jiruu guyyaa geggeeffatan hojjetanii akka hin jijjiiramnee fi uummata Oromoo dinagdeen cabsanii kufaatii ofiif barbaadanitti galchachuuf murnoonni Biltsiginnaa godinoota Arsii fi Baalee kana keessatti daldaltootni kun midhaan qamadii bitanii godina biraatti geessanii akka hin daldalleef qoqqobbii kan kaa’aan hogguu ta’u, kaayyoon sirnichi kana gochaa jiruufis uummaatni dachii isaa irratti sanyii midhaan kanaa qotee facaasu nyaatee osoo hin quufin akkasumas beelaan dararamuutti osoo jiruu midhaan qamadii kana biyya alaatti feesifna jechuun hanqina midhaan nyaataa fi dinagdeef uummata saaxilaa jiraachuu dubbatu.
Gochuma kanaan sirnichi dafqa uummataa biyyeetti dabaluun, dadhabbii qotee bulaan ittiin jireenya isaa fooyyeffachuuf waggaa guutuu dhama’ee midhaan isaa sassaabbatee gabaatti baafachuu eegaletti gatii qamadii qarshii 4500 irraa gadi deebisuun 3000n bitanii qotee bulaa akkasumas daldaltoota harkatti midhaan balleessuun abdii isaanii dukkaneessaa kan jiran ta’uu kan dubbatan maddeen, gochi kun Arsii fi Baalee qofa osoo hin taane Oromiyaa mara keessatti hojiitti hiikamuuf akka jedhulleen nuuf himaniiru.
