Hawaasni Oromoo biyya Awustiraaliyaa jiraatan bara haaraafi guyyaa WBO gurmuun kabajan.
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Bara 1980 irraa jalqabee Amajji 1 ayyaana dachaa ta’uun Waraana Bilisummaa Oromoofi Hawaasa Oromoo biratti bifa addaan kabajamaa kan ture yoo yoo ta’u, waggoottan 2n darbaniif sababii dhukkuba Covid tiif walitti dhufanii gurmuun kabajachuun hafee Oromoonni akkaatuma isaaniif mijateen kabajataa turaniiru. Bara kana garuu, biyya keessaafi biyyoota alaa gara garaa keessatti bifa ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Oromoonni biyya Awustiraaliyaa magaalaa Melbourne keessa jiraatanis, Amajji 8, 2023 guyyaa WBOfi bara haaraa sababeeffachuun qophii guddaafi hawwataa ta’e qopheessanii kabajataa Oolaniiru.
Guyyaa kana dhaadannoo “Oromiyaa haa baraarru” jedhuun kabajaa kan oolan yoo ta’u, guyyaan kun guyyaa bara haaraa, miira haaraan WBO keenya jabeessuuf itti Irbuu keenya haareffannudha jechuun hirmaattonni Ayyaanichaa dubbataniiru.
Oromoon qabsoo Ofitti hirkannoo gaggeessa, qabsoobosona Oromoo keessa dhokattee har’a geesse kana, waan gochuu dandeenyu cufa of qusannaa tokko malee gochuun ilmaan keenya Bilisummaa dhaalchisuu qabna jechuunis dhaamsa isaanii dabarfataniiru.
