Irree fi gaachanni uummata Oromoo godina lixa Shaggar keessatti diina du’aa fi madoon adabuun jiraa harkaan booji’uu beeksise!
ONM-ABO 12 Amajjii 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu galeessa Oromiyaa keessatti diina adabuu itti fufee jira.
Qaqqaaliiwwan ilmaan lola WBOn Birgeedii Bakakkaa fi Murtoo Guutoo kaleessa Amajjii 11, 2023 hanga har’aatti godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo gandoota garaagaraa keessatti waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhateen humna diinaa ajaja kumaa sadii fi humna addaa Saajin sadiin hogganamu guyyaa kaleessaa loluun akka baalaa harcaaseera.
Guyyaa har’aas humna weerartuu ajaja kumaa afuriin hogganamu haleellaa laaleessaa irratti raawwateen barbadeesseera.
Lola hanga gabaasni kun qindaa’etti taasifameen aanaa Daannoo keessatti humna diinaa irraa 400 ol yoo ajjeefamu, 550 ol madaa’anii jiru.
Kana malees lola kana irratti loltoota bilxiginnaa ajajaa 100, ajajaa 1000 fi miseensota waraana dabalatee loltootni 119 harkaan qabamee jira.
Kasaaraa lola kanaan irra ga’een aarii keessa galuun diroonii uummata naannichaa rukuchuuf akka marsaa jiran hoggana waraanaa birgeedii lachuu irraa adda baasuun dandaa’ameera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga sirni bilxiginnaa buqqa’utti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
