Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti hidhattoonni garee maafi’aa PP dargaggoo tokko ajjeessan.
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti bifa sukkanneessaan Oromiyaa golee hunda keessatti raawwatu jabeessee itti fufuun ol adeemtoonni hedduu kichuutti kutaa jiru.
Murni teessuma aangoo isaaf jecha hidhattoota isaa uummata harka duwwaatti bobbaasuun ajjeesiisaa oolu baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Boonayyaa Moloo keessatti hidhattoonni garee kana sababa tokko malee Oromummaa isaan yakkuun dargaggoo Odaasaa Waaqgaarii jedhamu qabanii erga waajjira poolisii magaalaa Guuteetti guyyoota lamaaf erga hidhaniin booda guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 12, 2023 ajjeesanii bakkeetti gatuun reeffi isaa hawaasa naannoon argame jechuun hiriyaan isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Yeroo hedduu aanaa sana keessatti dararrii fi ajjeechaan irra deddeebin uummata nagaa irratti hidhattoota garee kanaan kan rawwatamu yoo ta’u haatii dhiiraa ilmaa ishee barii nagaan bobbaafte galgala reeffa simachuun Oromiyaa keessatti waggoottan arfan darbee kaasee aadaa ta’e jira jechuun jiraattootni aanaa Waayyuu Tuqaa tokko tokko dubbatu.
Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Boonayyaa Moloo kana keessatti dargaggoota ayyaana Qilee ayyaaneffachaa turan 2 guyyaa Ayyaanichaa Amajjii 7, 2023 ajjeesanii gatuun ni yaadatama.
