Waraannii fi dabballootni PP Lixa Shaggar Aanaa Ambootti Mana Qotee bulaa Oromoo 11 yoo guban, midhaanii fi qabeenya hedduus saaman.
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Faashistoonni Sirna PP maqaa duula ijibbaatan lixa Shaggaritti bobba’an dararaa hamaa uummata irraan gahaa jiru.
Amajjii 12 ,2023 Lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Gomosaa Saaxoo bakkeewwan akka Caancoo, Qilooftaa fi Usuqiitti mana uummata 11 abiddaan barbadeessuun midhaan gosa adda addaa keeshaa 75 fi loon adda ddaaa 13 ol saaman.
Akka maddi keenya ganda Gomosaa Saaxootii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himetti humnoonni saamichaa kun wal ijaaruun aanaa Ilfataatii baa’un ganama suubiin uummata irratti erga dhukaasa bananii ganda kanatti seenuun sakattaa eegalan. Sana booda manneen uummata hedduu cabsanii seenuun saamani kan fudhatan fudhatanii kaan balleessan.
Qotee bultoota manni isaanii cabsamee seename keessa kan namoota sagalii midhaanii fi qabeenya mana keessa erga keessa saamanii abiddaan gugguban.
Namoota haala kanaan manni isaanii jalaa gubate keessaa maatiin obbo Margaa Leellisaa maanguddoo biyyaa fi maatii kudhan kan jiraachisan yoo ta’u Mana sadii jalaa gubuun fardeen sadii fi midhaan keeshaa 20 jalaa saman.
Ilmaan obbo Margaa, obbo Hayilee Margaa maatii 5n Kan jiraachisu, obbo Fayisaa Margaa maatii 2 kan jiraachisu, obbo Qaabataa Margaa maatii 6 kan jiraachisu fi obbo Fayyeera Margaa maatii 3 kan jiraachisu jalaa mana abiddaan guban.
Obbo Qaabataa Margaa jalaa Hoolota 10 yoo saaman obbo Fayyeeraa Margaa jalaa midhaan keeshaa 5n fudhachuu maddi keenya kun himeera.
Kana malees Maanguddoo biyyaa ganna 70 obbo Baay’isaa Hurgeessa jalaa mana tokko gubuun midhaan keeshaa 15 yoo saaman isaan dabalatee maatii 15 nyaataa fi dawoo malee hambisaniiru.
Obboo Fayisaa Baay’isaa jalaa mana tokko gubuun midhaan keeshaa 5n yoo saaman maatii 4 dawoo fi nyaata malee hambisan.
Obboleessa isaa obbo Fayyeera Baay’isaa abbaa maatii 6 jalaa mana lama gubuun midhaan keeshaa 10n saaman.
Obboo Warquu Qaabataa abbaa maatii sagalii jalaa mana tokko gubuun midhaan keeshaa 20 saaman.
Obbo Warquu Qaabataa jalaa ji’a Caamsaa darbees manaa fi qabeenya mana keessa abiddaan jalaa barbadeessanii kan turanii fi kan ammaa kana uummatni gargaaree itti ijaarus faashistootni marsaa lammaffaaf gubuu himu maatiin.
Ergamtoonni sirna kanaa warreen waraana dabalatanii miidha kana qaqqabsiisa jiran milishoota ganda kana keessa gaddaa fi gammachuu waliin dabarsine kan jedhan jiraattonni kun har’a deebi’anii nu nyaataa fi nyaachisaa jiru jedhu.
Namootni kunniin Aanaa Ilfataa magaala Guutee keessa kan jiraatan yoo ta’u isaan keessa namootni muraasni Insarmuu Taaddasaa, Caalaa Gammachuu, Caalaa Guutaa, Biraanee Zawuduu, Nuurasaa Dirribaa, Biraanuu Raggaasa, Shallamaa Asheete, Indashaa Ingidaa, Abbabaa Zawuduu fi Yilmaa Zawuduu keessatti argamu.
Midhaan haala kanaan saaman fe’atanii galuuf fardeen uummataa 30 ol dirree irraa walitti qabuun kan fe’atan yoo ta’u sababni isaas ilmaan Oromoo yakka hojjetanii osoo hin taane maqaa WBO nyaachistan jedhu itti maxxansuun akka ta’e jiraattonni yaada isaani Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif qoodaniiru.
