ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Akkuma waggoottan lamaan darban ilmaan hiyyeessaa fedhii isaanii malee lola kaaba impaayerittii TPLF waliin adeemsifame irratti ijoollee Oromoo leenjii ga’aa osoo hin qabaatin qoraan ibiddaa gochuun dhiiga ol adeemtotaa dhangalaasan ammas bifa haaraan dargaggeessa Oromoo dirqiin qabanii meeshaa baachisaa fi baachisuuf karoorfachaa jiru.
Haaluma kanaan godina Qellam Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti guyyaa kaleessaa gaafa Amajjii 17,2023 uummata magaalichaa walga’ii yaasuun dargaggeessi kamuu milishaa ta’uu qaba akkasumas jaarsaa fi jaartii irra kan hafe namni kamuu nu waliin hidhachuu qaba malee qofa hin duunu jechuun uummaticha waan isa hin ilaallanetti dirqiin galchuuf koroorfachuu hirmaataan walga’ichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Gareen murna faashistii PP kunis dheebuu aangoo isaa guuttachuuf jecha qonnaan bultoota qonnaa isaanii irra, daldaltootnis daldalatanii akka maatii isaanii hin jiraachifneef akkasumas, barattoota barumsa isaanii akka hin baranneef qabanii leenjii ga’aa malee meeshaa hidhachiisuun irbaata rasaasaa gochuuf hojjachaa waan jiraniif dargaggoota magaalaa Muggii dabalatee kanneen Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessa jirtan karoora diinummaa bilxiginnaan baafatee jirutti dammaquun akka jalaa miliqxan jechuun dhaamsa dabarseera.


