• Fri. Apr 26th, 2024

Maanguddoo Oromoo obbo Dhaqqabaa Waariyoo qajeelchi poolisii godina Arsii lixaa maatiin akka hin dubbisne dhorke

Jan 18, 2023

ONM – ABO – Amajjii 18, 2023 Jimaata darbe Amajjii 13, 2023 badii tokko malee aanaa Shaashamannee magaalaa Kuyyeeraatti mana jireenyaa isaaniitii kan qabamanii achuma waajjira poolisii magaalattiitti hidhamuun galgaluma guyyaa sanaa gara magaalaa Shaashamanneetti kan dabarfaman maanguddoon Oromoo obbo Dhaqqabaa Waariyoo maatii waliin akka wal hin argine dhorkamanii jiru.
 
Kaleessa  Amajjii 17, 2023 maatiin isaanii gara magaalaa Shaashamannee qajeelcha Poolisiitti imaluun nyaataa fi uffata geessanii dubbisuuf akka waamaniif gaafatanitti poolisootni dhorkan.
 
Maatiinis maaliif akka dhorkaman yeroo gaafatanitti qajeelfamni olii nutti kenname, hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabu akkasumas mootummaa kuffisuuf hojjechaa jiru jechuun maatiin akka hin dubbisne waan qabatanii dhaqaniif waliin deebisan.
 
Maanguddoon umrii 70 kun yeroo itti kununsa isaan barbaachisutti kutaa qofaatti namootni akka hin dubbisne dhorkanii hidhuun sirrii miti kan jedhe jiraataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko, murna maanguddoo keenya ajjeesaa, salphisaa akkasumas daa’imni osoo hin hafin gocha sukkanneessa irratti raawwatu irraa furmaata eeguu irra falmachuutu jijjiirama fida jechuun yaada isaa ibseera.
 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading