Yeroon Uummanni Oromoo Tokkummaatiin Waltumsee, Garboomfattoota awwaalu amma
- Walloo musliimummaan hadheessanii Oromummaa qofaaf lafarraa fixuuf itti duuulu.
- Abbootii Amantaa Ortodoksii Tewahidoo Oromoo ta’an Oromummaa qofaaf abaaran
Uummati Oromoo Walloo Jaarraa hedduuf erga humna Weerartoota Habashaan lafa isaa irratti gabroomsamee eegalee gidiraa hamaa dhala namaaf hin malle, saamicha qabeenyaa, duguuggaa sanyii bifoota adda addaan irratti adeemsifamu marroo hedduuf dandamataa yoona ga’ee jira. Sirnoota darban garaagaraa keessatti afaan, aadaa, seenaaf eenyummaa isaa mancaasuuf hojiilee jajjabduu irratti dalagaman hundumaa qolataa, gama hundaan akka sabaatti of ittisaa yoona ga’eera. Duula of ittisuu yeroo garaagaraatti taasisuun aarsaa gurguddaa kan eenyuyyuu baasee of kabachiisuu hin dandeenye baasaa yoona ga’uu qaami kamillee waan raga ba’uu danda’uudha.
Sirnoota darban keessatti aarsaa jajjabaa ha baasuyyuu malee, Uummati Walloo waggoota shanan kanaa asitti Wareegama dachaa dachaa baasaa jira. Waggaa tokko keessatti marroo sadiif sanaa ol duula qinda’aa humnootii Federaalaan daggaramee fi akka waraana al-idileen durfamutti fakkeeffamee yeroo garaagaraatti akka itti bobbaafamaa ture ija nama kamii jalaallee waan dhokataa miti.
Uummati Walloo akkuma “Adaamii ollaa agamsaa ganamni boo’icha; galgalli boo’icha” jedhamuu sana yeroo hunda qe’ee ofii irratti aarsaa jajjabduu kafalaa jira. Uummati kun uummata mootummaa isa ittisu hin qabneefii qaama “anatu si bulcha” jedhuun waraanamaa jiruudha.
Yeroo garaagaraatti jiraattoti Onoota lolli itti banamurraa yaada miidiyaaf kennaniin caasaan
Mootummaa Federaalaa Naannoo Amaaraa tumsee akka Uummata Walloo waraanu ifatti mirkaneessu. Mootummaan Naannoo Amaaraas yeroo garaagaraatti yeroo duula Oromoo Walloo cabsuuf taasifamuuf uummataaf waamicha godhu ni argama. Garuu Uummati Walloo yeroo hunda akka nama firaaf aantee hin qabnee akkasumas, akka nama lafa ofiirra hin jirreetti aarsaa hin malle baasaa jiraatu Oromoo isa biraatti maaltu dhagaa’ama nama jechisiisa.
Habashoonni dhadannoo Walloo irratti dhaadatan keessaa “isin as keenyee diina Wallaggatti deemnee waraannu hin qabnu, Isin Wallaggaadhaa dhuftani achitti deemaa, lafti kun dachii kiristaanaati malee dachii isin isilaamummaan irra jiraattan miti” jechuun yeroo adda addaa itti duulamaa tureera.
Eebila 2022 Humni Addaa Amaaraa Aanaa Jiillee Dhummuugaa fi Aanaa Efiraataa Gidim daangaa irratti dhukaasa namoota nagaa irratti baneen namoota 37 ol ajjeesuun ni yaadatama.
Ammas haaluma Walfakkaatuun Amajii 21, 2023 Aanaa Jiillee Dhummuugaa fi Aanaa Efiraataa Gidim daangessu bakka Jawwaa jedhamutti lola humni Addaa Naannoo Amaaraa dargaggoota Oromoo 7 irratti dhukaasa banuun rashaneen wal qabatee lolli onoota biroo keessatti daran babal’achuun lubbuu Oromoota hedduu gaaga’eera. Isin Waraana Bilisummaa Oromooti jechuunis lola qindaa’aan irratti banamee haga ammaallee Oromoon Walloo du’aaf jireenya gidduu jira.
Gama biraatinis Baha Oromiyaatiin Humnooti Somaalee kan Mootummaa Federaalaaf Naannootiin Tumsaman Uummata keenya irratti karaa daangaa Cinaaksan Araddaa Marar irratti lolli jalqaban amma gara araddoota torbaa oliitti babal’achuun lubbuu Oromoota harka duwwaa hedduu gaaga’aa jira. Lolli kunis ajaja Mootummaa Naannoo Somaaleetiin qaamni leenjii Waraanaa qabuufi Humni Addaa Somaalee geggeessaa waan jiraniif Uummati sadarkaa of ittisuu hin dandeenye ga’ee jira.
Kanaaf yeroo kanatti Oromoon marti keessaaf alaan Walloo fi Cinaaksaniif birmatee lola irratti baname kana qolachuun dirqama Oromummaati waan ta’eef, Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaabinaan Tooftaalee fi haalota ittiin tumsa gochuun dandaa’amu akka armaan gadiitti dhiheessee jira.
- Oromiyaa keessatti haga Mootuummaan maqaaf jira jedhamu dhimma Walloo irratti kallattii ifaa kaa’u, Qaama Oromiyaa godhee labsutti mormii bifoota garaagaraan taasisuu.
- Ajjechaaf buqqaatiin Oromiyaa keessatti Humnoota Mootummaan geggeeffamu haga dhaabbatu, mormii garaagaraa kanneen akka uggura daandii, uggura dinagdee, tarkaanfii qabeenya diinaa mancaasuu, Warra duguuggaa sanyii Oromoo Walloo irratti taasisaa jiruuf bakkuma jiranitti gatii isaaniif madaalu kennuu.
- Weerarri daangaa Oromiyaa kara Baha Oromiyaa Lafa Oromoo saamuuf taasifamaa jiru, Uummata Cinaaksan gatii jajjabduu kafalchiisaa waan jiruuf Uummata keenya Cinaaksaniif karaa dandeenyuun birmachuu.
Dabalataanis Oromiyaa Keessatti Hordoftoonni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo rakkoolee gama aadaa, seenaa, eenyummaa fi afaaniitiin isaanirra gahaa ture furachuuf Abboonni yeroo Sinoodoosii haaraa Sinoodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sab-lammoota Itoophiyaa jedhamu hundeessanitti, qaamni saboota
Impaayerattii koloneeffatee maqaa amantiin bitee jiru beekamtii kennee rakkoo dhufu hanqisuu caalaa,
Abboota Amantaa Ortodoksii Sinoodoosii Oromiyaa salphisuu fi abaaruu akka falaatti waan fudhateef, Uummanni Oromoo bal’aa dhimma kana hubachuun gama barbaadamu hundaan deggarsa irraa eegamu taasisaa, hiriira garaagaraa gochuun deggarsa Abboota isaaf Hundeeffama Sinoodoosii Oromiyaaf qabu Oromiyaa cufatti utuu amantaan adda wal hin hirre taasisuun leellistoota Impaayeraa daran mataa gadi cabsuu akka qabu dhaamna.
Maayii irratti duulli Oromoo Walloorratti godhamaa jiru kan Oromoo fi Oromummaa cabsuuf sirna PPn karoorfamee Nafxanyaan hojiitti hiikaa jirtu waan ta’ee,f diina innikkaa saba Oromoo kan ta’e Sirna PP irratti qabsoo gama maraan godhamu tumsuun yeroo dhumaatiif sirna kana buqqaasuun nagaa waaraa Uummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf jabaatanii hojjechuun Oromoo hundarraa akka eegamu gadi jabeessinee dhaamna.
Kana dhugoomsuufis Waraanni Bilisummaa Oromoo lubbuu isaa tokkittii kennee falmatti waan jiruuf Waraana keenya kana karaa maraan tumsuun qooda qabsoon nu gaafatu haa baanuun dhaamsa keenya.
Sabni falmate ni walabooma.
Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajii 29, 2023
Finfinnee, Oromiyaa