• Fri. Apr 26th, 2024

Qabiyyee 3n tikaa dahoo kiristaanummaan Impaayera tana tiksaan keessa tokko gidduu kana cabeera

Jan 27, 2023


Kana booda

  1. maabara quddusaaniin maallaqa Oromoo maqaa amantiin guurtee waanbadee Faannoo jedhamtuu hidhachiisuuf carraan cufamee jiraa.
  2. Gojjamee, falashaaf beta Israelin maqaa amantiin Oromiyaa keessatti basaasa mosaidf CIA taate carraan hojjachuu isii zeroodha.
  3. Maqaa amantiin manneen daldalaa magaaloota guutuu marsanii argamaan Kan dargaggoon Oromoof Oromoon irraa dhiibamuu ammaan booda buqqifamee Oromoon tajaajila itti argatuu qaba.
  4. Humni Faannoo Oromiyaa keessatti iddoo meeshaa kuufatuuf leenjii tikaaf siyaasaa itti fudhatuu waajjira qunnaamsiisaa (coordination office) tahee gargaaraa turee ammaatti cufuun fardiidha.
  5. Itophiyaan biyya waaqni nuuf uumee jedhanii durduriif uumeen (asoosamni) Habashaa, federaalistoonnif impaayeralistoonni Odeessan barrii isaa gubatee irraa darbee jiraa.
  6. Saboota gaaffii ofiin of bulchuu gaafatan loluun jannaata seenuudha jedhanii dahoo amantiin warrii Oromootti waraana labsaa turee, har’aa booda RIB waliin awwaalamuu qabuu.

Jaarmiyaan gad hafee tokkiichi hin jiruu, tiknii guddaan Impaayerri tun ittiin Oromoo cabsitee Hundeeffamuu mana lubuummaa ortodoksii Oromiyaaf sabaf sablammii waliin ni awwaalamaa.

Kuni cabnaan Kan gad hafuu dhaabbataa basaasaa Abiy kitaaba Apparttied seenessu South Africa tti dubbisee hundeesse INSA qofaadha. ishiin tun humna hin qabduu, humni ishii guddaan, Baankii daldala Itophiyaa, insuraansiif Baankii habashaati. kanneen naaffisnaan Oromiyaan kuma jiraatti.

Oromookoo walhaa taanu waltahaa!

WBO jabeessaa. Akka uummataatti sibiila qabduu jabeeffadhuu, bu’aa qawwee, isa argitee caala yeroon itti argituu Ammaadha.

Jaawwii Jiillee

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading