• Fri. Oct 16th, 2026

Labsii Lagannaa Gabaa fi Ugguri Geejjibaa ka’uu fi wantootni muraasni uggura jalatti hafuu beeksisuu – Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

Apr 22, 2024

ONM-ABO Ebla 19,  2024

Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Ebla13, 2024 galgala sa’atii 12:00 irraa qabee Oromiyaa keessatti sababa Ajjeechaa Jaal Battee Urgeessaa fi Dhumaatii Uummata Oromoo Walloo irratti taasifamaa ture aantummaa miidhamaa fi diddaa murna bilxiginnaa irratti uummatni Oromoo qabu agarsiisuun bilxiginnaa irratti dhiibbaa gochuun bu’aan siyaasaa fi dinagdee argameera.
Kanuma bu’uura godhachuun uummata labsii kana irratti hirmaatee galateeffachuun  labsiin kun uummata Oromoo akka hin miineef labsii kana har’a Ebla 19, 2024 sa’atii 12:00 irraa ka’ee walakkaan kaasuun kanneen biroon akka hafan Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo beeksiseera.

  1. Sochiin eeyyamame
    ✍ Sochii Gabaa ( dukkaana )
    ✍ Konkolaataa uummataa ( baajaajii fi doqdoqqee  ) dabalatee
    ✍ Sochii Baankii fi Barnootaa
    ✍ Kuduraa fi mudura haadha irraa citee lafa turuu hin dandeenye
  2. Kanneen Uggura jalatti hafan
    ✍ Midhaan nyaataa fi zayitaa gara magaalaa Finfinnee fi naannoolee ollaa Oromiyaatti  hin deeman.
    ✍ Horiin ( Loon, re’ee, hoolaa fi kkf ) gara magaalaa Finfinnee fi naannoolee ollaa Oromiyaatti hin deeman.

Kana ta’uu hubattanii  hawaasni keenya sochii idilee keessanitti nagaan akka deebitan jenna. Abbootiin qabeenyaa, konkolaachistootni, dhaabbileenii fi namootni hojiilee garaagaraa dhorkaa kana keessatti hammatamtan labsii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraan darbu irraa hordofuun qajeelfama ba’eef akka bitamtan jenna. Qeerroo fi Qarreen akkasumas qaamotni milkaa’ina hojii kanaaf ga’ee keessan ba’achaa turtan, ammas hojii irra oolmaa uggura ka’ee fi kanneen hin ka’in hafan irrattis shoora keessan akka ba’attan dhaammanna.

Uummatni Oromoos diddaa jabaa sirnicha buqqisu yeroo xumuraaf  taasisuun  waanjoo garbummaa jalaa ba’uuf karoora jabaa fuulduratti isiniif dhiyaatuuf akka of qopheessitan Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaammata.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

Injifannoon Uummata Oromoof !

Ebla 19, 2024

Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading