ONM-ABO Amajji 31, 2023 Oromoon akka sabaatti erga kolonii gita bittootaa jalatti kufee kaasee yeroo inni itti nageenyaa fi tasgabbiin jiraate hin jiru.Akka sabaatti Oromoo adamsuu fi ajjeesuun akkasumas daangaa isaa dhiibuu fi qabeenyaa isaa barbadeessuun aadaa akkasumas hojimaata dhufaa darbaa impaayeerattii ta’eera.
Sirni bulchiinsaa kabajamuu mirga dhala namaa fi ol aantummaa uummataa moggaatti dhiisee faayidaa akkasumas dantaa dhaaltee akeeka sirna moofaa tiksuurratti xiyyeeffate keessatti rakkoo fi gidiraan uummanni keenya har’a keessa jiru daangaa darbuu isaa ni hubanna kan jedhu Jaarmiyaan Oromoo biyya Jabuutii kun, labsiin waraanaa fi weerara daangaa golee Oromiyaa hedduu keessatti labsame cinaatti ololli maqa balleessii Qabsoo Bilisummaa Oromoo qindoomina murna bilxiginnaa fi finxaaleyyootaan taasifamaa jiru fudhatama hin qabu jedhan.
Lolli qindaa’aan Miliishotaa, Faannoo fi humna addaa Amaaraan godinaalee Oromiyaa kanneen akka Wallagga Bahaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Baha Shaggarii fi Walloo keessatti gaggeeffamaa jiru iggita dhabuu isaatiin akkasumallee fedhiin daangaa babal’ifannaa baha Oromiyaatiin jiru akka babal’atu taasisuun har’as uummanni keenya daangaa irra jiru dhiigaa jira.
Daangaan Oromoo gama maraan sharafamee to’annoo fi bulchiinsa alagaa jalatti buluuf dirqamuun akkuma jirutti ta’ee har’as fedhiin daangaa babal’ifannaa fi saamichi qabeenya Oromoo bal’inaan gaggeeffamaa jira waan ta’eef, qabsoo Bilisummaa Oromoo barootaaf gaggeeffamaa turee fi itti jiru daran jabeessuun galma akkasumas kaayyoo tokkoo jalatti hiriirree lafee dugdaa qabsichaa kan ta’e tin’isa dinagdee taasisaa turre jabeessinee itti haa fufnu jedhuun waamicha Oromoo bal’aaf dhaamaniiru.
Dhuma irrattis uummata keenya qe’ee isaa irratti nageenya dhabuun buqqa’ee qabeenyi irratti barbadaa’e, maatii wareegamtootaa fi kanneen qaamaa fi qorqalbiin isaanii miidhame, akkasumas warreen bulchiinsa seeraan alaa jalatti gidirfamaa jiran, uummata keenya godina Walloo, gargaarsaa fi sagalee ta’uufiin cinaa akka dhaabbannu ni dhaammanna jechuun ergaa isaanii dabarfataniiru.
