Dubbiin amantii tun Kan Oromoof Oromiyaa taanan dibbee, doorsisaaf dhaaduun warreen koloneessaa irraa taasifamaa jirtuu hundeen waan tanaa boodarra qe’ee isaaniyyuu Akka diigdu aan beekaniifidha.
Warrii Habashaa seenaa impaayeer tanaa keechatti garee lamaa jalaa turaan. Isaanis
1. sirnii bulchiinsa biyyaattii Abbaa irree Yoo tahee malee uummanni kun waan tokkoo isaa taasisuu waan hin taaneef gargaar qoodamee impaayeerattiin diigamtii garee jedhanii fi
2. garee itophiyaan Galaana kiristaanoota taate jedhanii asoosama dhugoomfataantu warraa kana keessa turee!
Gareen jalqabaa garee hayyootaa kanneen warraa adiitin oofamaan kanneen dantaa warraa lixaa tiksaa umurii impaayerattiin dheeressuun kolonii isaanii itti of waamuu (ownership) isaanii tikfatuu fedhaniidha. Isaan kun amaala itophiyaa impaayera jechisiisu dhoksanii warraa impaayeraatti akka biyyaa ykn state muldhisuun dhaadhessaan yoo tahaan, qabsoon bilisummaa oromoo hidhannoon deemsifamuu utubaa state 4n keessaa guututti harkaa daakaa jiraachuu irraa inaaffan jaarmiyaa WBOf akeekicha dhabamsiisuuf warraa deemaniidha.
Fkn, director OMN durii “Sirna dhablummaan babal’aachuurra mootummaan abbaa irree tahuu qaba” jedhee kan gorsee PP qilee buuse isa. Kanaaf humnoonni sirna kana buqqisne sirna haaraa ijaarree itophiyaa itti fufsiisna warrii jedhaan hundii garee kana yoo tahaan biyyoota lixaa dantaa turmaata impaayeratti irraa qabaniin warraa ‘fund’ tahaniidha. Isaan sabboontoota hike sabboonummaa sharafanii hiikuun biyyaaf saba wallaalan (including blind nationalist those doesn’t understand that the correct meaning of nationalism as well as state and those who do not have height to percipient the similarity b/n state & nations also categorised under the 1st group, from oromo, agaw somale, afar, Sidama and other nations too. They believe on the dictator govt to avoid the scatter the old empire, they generalise as ‘if there is no powerfull govt that can press and ignore nationalism quest the empire will collapse and that was the end of empire ethiopia’)
Isaan kun mootummaan abbaa irree tahee itti fufee afaan, eenyummaa fi siyaasa sabummaa siyaasessuun ukkaamsee tokkummaa impaayera tanaa itti fufsiisuu qaba jedhuu!.
2. Garee lammaaffaan immoo asoosama Itophiyaan biyyaa abbaa keenyati, adaraadhaan iyyasuus maaramiif kennee, itophiyaatti kan mootii muudus kan buusus waaqa israeliif monooksoota Gadaamii waldibbaa, waasharaaf waashaa mikaelii jiraantu eebbaa isaanitiin tiksaa jedhamanii asoosama barsiifamaa warraa guddataniidha.
Gareen kun garee ragaa malee seenaa uumamaas seenaa amantaas hannan kan ofii taasifataniidha. Gareen kun irraa guddaan isaanii gaafa fedhaan, kirstaanoota Russiatti gaaf israelite gaaf immoo Gibxittii gaafii immoo sooriyaatti of maxxansaa oolu. Warrii kun immoo humnii Itophiyaa tiksuu humna waaqaati addaan hin baatu, warrii kun warraa uummanni itophiyaa jiruun hidhee walmakee, adeemsi wal nyaachisuu goolabameera uummanni kun heerumaaf fuudhaan maatii tahee gargaar hin bahuu jedhanii abjootaniidha (as they think; ‘people was marginalised and the assimilation was finished and there is no power that can divide the people b/c the nation was bastard and there is no pure nation that can succeed by nationalism question, the people is integrated horizontally under orthodox tewahido and that was the only way they observe the empire ethiopia)
Qabsoo oromoon gannoota 70 oliif bifa jaarmiyaaf sabaan jabaatee eenyummaa isaa ittifachuuf godheen gareen kun lamaan gidduutti garaagarummaa uumameen qaawwa kanaan Sabboonoonni Oromo seenuun dahaannoo kana cabsuun isaanii injifannoo guddoo ganna meeqa booda arganneedha.
Carraa kana fayyadamuun garee lamaan kana wal haleelchisuun barbaachisaadha. Kana malees duudoota siyaasni hin hubatamneef kan QE’ee Oromootti waraana labsaa jirtuu oromoon amantaaf ilaalchaan osoo walirraatti hin ilaalin ofirraa qolatee nagaa isaa tikfachuudha qaba.
Keessattiyyuu Gamtaa oromoo tiksuu keessatti gaheen abboonni kiristiyaanaa fi musliimaa kibba bahaatti taasisaan jabduudha. Dubbiin tun dubbii Biyyaa Oromoo jaarmiyaalee garboomfataan keessaan oromoo cabsee irraa bilisaa baasuuti malee dubbii amaantii mitii, kana immoo gulaantaa isaa olguddisuun sababaan QE’ee keenya kan itti qulqulleessuu danda’uu nuyii mataa keenyaadha!.
Warrii siyaasa beektaan sirreessaa. ani Haqaan argaa guddaadheef ilaaleen qoree malee kunii siyaasa mitii. Luba Wake Jeo iddoo dogooggora qabuutti ilaalaa qajeelchaa. Siyaasessuu barbaadee osoo hin taane daboo amantichaan siyaasni oofamaa turee!.
Suuraan asii gadii kun diinaatti gaddaa oromootti nagaa uwwiisa!
Jaawwii Jiillee tin
Nagaan turaa!
