• Thu. Apr 25th, 2024

Rakkoo Oromiyaatti Aggaamame Mara Tokkummaan Qolachuun Dirqama Tokkummaa Biyyaalessaa Oromiyaa keenyaati (Waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Feb 7, 2023

Gaaffii afaan ofiitiin eenyummaa ofii kabajanii, abboota ofiitiin geggeeffamanii—Biyya ofii Oromiyaa keessatti Waaqa ofii waaqeffachuuf Oromoon dhiyeesse hordofee, wal-dhibdeen keessoo Amantaa Ortodoksii Tewahidoo Itoophiyaatti mudachuu itti dhiyeenyaan hordofaa turreerra. Haa ta’u malee, dhimmicha keessoo isaatti fixachuu hanqachuu mana Amantaa Ortodoksii Tewahidoo Itoophiyaa irraa kan ka’e dambaliin raafama mana amantichaa keessatti mudate sun ifatti dhimma amantaa irraa gara dhimma siyaasaa fi dhimma ol’aantummaa Oromiyaa keessatti qaban itti fufsiifachuutti ce’eera.

Manni amantichaa rakkoo keessoo isaa ofiin furuu hanqatee, affeerraa hin malle hordoftoota amantichaa ilaalcha Nafxanyummaa qabaniif taasisuu isaatiin, akka uummanni hokkara siyaasaa uumu affeeree Jira.

Waan ta’eef:
1) Dhaabbileen amantaa Oromiyaa hundi,
2) Humnoonni siyaasaa Oromiyaa hundi,
3) Artistoonni, hayyoonni fi lammiileen Oromiyaa hundi; guutummaatti tokkummaan wal-faana hiriiruun, harqoota garbummaa maqaa Amantaa Qulqullittii Ortodoksii dawoo godhachuun lafa Oromiyaa saamaa, akkasumas uummata ishee: harka, harmaa fi morma muree daguuguun hiyyoomsaa ture ofirraa dhorkuun dirqama yeroon gaafattudha.

Miseensonni Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Oromiyaa, sabaa fi sab-lammootni hundi kallattii Sinoodosiin isaanii kenneen sochii boonsaa taasisaa yoo jiraatan illee, maddeen rakkoo kanaa rakkoo isaanii keessootti furachuu mannaa, dheebuu Oromiyaa weeraruuf qaban irraa ka’uun rakkinichi gara dirree siyaasaatti akka ba’u taasisaniiru.

Nutis akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti, dhimmicha dhimma keessoo mana amantichaati jennee tasgabbiin ilaalaa turrus, dhimmichi guutummaatti gara dirree siyaasaatti waan seenee jiruuf, miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi qaamonni waamichi isiniif taasifame marti hatattamaan hirmaannaa barbaachisu taasisuun, diina hin jiille kana akka ofirraa geggeessinu dhaammanna.

Gurraandhala 7, 2023
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading