Abbaa Saawiroos Kamisa dhufu gara teessoo Phaaphasummaa isaanii Walisoo deemuun ummata isaanii eebbisu. Kanaaf jecha koreen garaagaraa hundaa’ee hojii dalagaa jira.
Guyyaa kanatti wantoota godhamu
1. Ummatni hundi xiqqaa guddaan gad-bahuun Abbaa keenya simatu
2. Warreen Farda qaban farda isaaniin saganticha miidhagsu
3. Guyyaa sana Magaalaan walisoo guutumatti magaala ummatni hundi itti gammadu waan taheef jaalalaafi wal hubachuu olaanan agarsiifamuu qaba
4. Sagantaa galataa Waloo ni gaggeeffama
5. Keessummootni iddoo garaagaraa gara Walisoo Imalu. Oromiyaa guuturraa imalli jalqabameera
6. Ummatni keenya kitaaba kadhannaafi qulqulluun ala waan biraa qabatee gara mana Kiristaanaa akka hin dhufne
7. Qaamolee sagantaa kana jeequu barbaadan agarraan ariitiin qaama dhimmi ilaallatutti kennuu
8. Abbaan Keenya Magaalaa keessa deemuun ummata akka eebbisan ni taasifama. Abbaan keenya abbaa ummata hundaati. Kadhannoon isaanis ummata hundaafi. Kanaaf ummatni keenya amantaan osoo walhin qoodin kabaja abbummaa isaanif agarsiisuu
Jabaan Waaqa!
