ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Murni bilxiginnaa ilmaan akka bineensaatti ajjeesuun hawaasichi du’a jiilee akka diddaa sirnicha irratti hin agarsiifneef rasaasaan akka baalaa harcaasuu itti fufee jira.
Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Mogaritti Sanbata darbe Guraandhala 4/2023 daa’imman umrii 16 gadii 9 waraana bilisummaa Oromoo deggertu jechuun baadiyaa maatii biraa qabuun buufata poolisiitti erga dararaa turaniin booda mana hidhaa baasanii ajjeesan.
Daa’imma kun baadiyaa iddoo garaagaraa irraa kan dhufan yoo ta’u, achi keessaa kan maqaa arganne Asheetuu Shuumii daa’ima waggaa 15 ture.
Daa’imman reeffa namootni akka hin kaasne dhorkuun bineensa nyaachisaa jiru.
Oduu biraatiin ammoo aanichuma naannoo Warshaa Simintoo Mogaritti waraanni bilxiginnaa reebichaa fi saamichaa kan geggeessaa jiran yoo ta’u, namoota badii malee hidhuunis qarshii 10,000 kafalchiisanii gadhiisaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
