ONM-ABO Guraandhala 10, 2023
Murni kufaatii diinagdee isa qaqqabe dhokfachuuf impaayerattiin guddatteettii fi gargaaramuu irraa gara gargaaruutti ceena jechuun miidiyaan hololu bilxiginnaan maallaqa namoota dhuunfaa saamu ga’uu didnaan manneen amantii irraa walitti qabuu eegalan.
Akka kanaanis murni PP miseensota murnicha majilisa onaa keessatti argaman godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa masjiidota irra bobbaasuun maallaqa ramadee ittiin funaansisa.
Magaalaa Qondaalaa masjiida Anuwaar irraa qarshii 100,000 kanneen baadiyaa irra jiran, lafa humni isaanii ga’u cufaa qarshii 5000 kafalchiisuun deggersa raayyaa ittisa impaayerattii akka gootan jechuun qajeelfama itti dabarsuun hojjechaa jiru.
Namootni qajeelfama kana fudhachuun hoggantoota masjiidaa dirqisiisaa jiran Sheek Musxafaa Adam, barsiisaa Mu`aaz Liqixii, Habiib Kaandaa, Ashabbir Nagumaa, Jamaal Abdiisaa fi namootni maqaa ni hin ga’in jiraachuun maddeen himuun jarri waraanni bilxiginnaa akka aanicha keessatti jabaatuuf hojjechaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.
Oduma aanicha keessaa osoo hin ba’in guyyaa dheengadda Guraandhala 9, 2023 ganama barattuu Boontuu Tashoomaa jedhamtu mana barumsaa sadarkaa 2ffaa magaalaa Qondaalaa keessaa qabuun bakki isaan geessan hin beekamin jiraachuu maddeen dabaluun gabaasaniiru.
Kan dhagaa’atii jirtan oduu R-ABO irraa isiniif darbaa jiruu dha.