• Sat. Sep 23rd, 2023

Barattootni Oromoo mooraa Yuuniversiitii Jinkaa uffata adii uffachuun afaan ofiin waaqa kadhachuu sinidoosiin Oromiyaa eegaleef deggersa agarsiisan

Feb 12, 2023

ONM-ABO 12 Guraandhala 2023 Erga jaarraa tokkoo fi walakkaa dura habashoota kaaban Oromoon cabee, aadaa fi afaan isaa akka hin guddanne seerotaa fi arrabsoo garaagaraa irratti baasuun gadaantummaan akka itti dhagaa’amu kan gochaa turan nafxenyootni, har’as yeroo itti Oromoon mirga isaaf falmaa hadhaa’aa geggeessee jiru kanatti afaan keen waaqa hin waaqeffattu jechuun dhiibbaan geggeeffamu hedduu dha.

Dhiibba eenyummaa Oromoo irratti amantaa da’oo godhatee geggeeffamu kana mormuunii fi deggersa sinidoosii Oromiyaaf barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jinkaa har’a ganama Guraandhala 12, 2023f uffata adii uffachuun sagalee isaanii dhageessisaa turan.

Mooricha keessatti Wiixata darbee qabuun barattootni finxaaleyyii Amaaraa uffata gurraacha uffachuun mormii eenyummaa Oromoof qaban agarsiisaa kan turan yoo ta’u, ilmaan Oromoo bifa qindaa’aa ta’een eenyummaa saba isaanii kabachiisuuf jiraachuu isaanii agarsiisaniiru.

Mooricha keessatti uffata adiin dhaadannolee, ergaawwanii fi ejjennoo uummatni Oromoo bilisummaa fi walabummaa isaaf qabu dhageessisuun, barattootni mooraa yuuniversiitii biroo fi hawaasni bal’aan tokkummaan ka’ee bobaa garbummaa impaayerattii jalaa ba’uuf falmaa jabeessuu akka qaban dhaaman.

Barattootni Yuuniversiitii Jinkaa armaan duras warraaqsa Oromoo bararuu irratti tokkummaan hirmaachuun sagalee saba isaanii ta’uun ni yaadatama.

Leave a Reply