• Thu. Apr 25th, 2024

Dhimma Nagaya Buusuu Ilaalchisee Waamicha Presedant Shimallisiin Dhiyaate (Ibsa ABO-WBO)

Feb 19, 2023

Guyyaa kaleessaa Gurraandhalaa 17, 2023 Presidentiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa haasawa Chaffee naannoof godhame irratti waamicha araara buusuu dhiyeessan. Addi Bilisummaa Oromoo-Waraanni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO)n dhimma nagayaa fi araaraa irratti jalqaba irraa eegalee ijjannoo hin daddaaqamne tarkaanfachiisaa as gaye. Waraanni Oromiyaa keessatti geggeffamaa jiru marii siyaasaa hunda ammate irraa madduun furmaata waaraa akka argatu fi dhiyeenna kana ammoo Labsii Siyaasaa Gabaabaa keessatti ijjannoo isaa ibsaa turuun ni yaadatama. Rakkoo xaxamaa siyaasaa Itoophiyaa furuu fi nagaya waaraa buusuun marii siyaasaa hunda hirmaachisaa geggeessuu qofaa irraa akka maddu ABOWBOn gadi-jabeessee amana. Waamichi wal-waraansa Oromiyaa keessatti geggeffamaa jiru xumura itti tolchuuf, karaa qaroominaatii fi haasawaan furuu dhiyaatees ija gaariin ilaalla. 
Haatawu malee, waamichi kun qulqullinaa fi akka itti jedhame yoo ilaalamu, nagaan akka dhufu kan abdachiisu osoo hin taane kan shakkii keessa nama galchu dha. Mootummaan Itoophiyaa nagaya ilaalchisee waamicha kanaan walfakkaatu yeroo adda addaatti deddeebisee ifaa fi dhoksaan dhiyeessaa ture. Waamichi kaleessaas akaakunis tayee qabiyyee isaatiin kan duraanii irraa dilas addaan addummaa hin qabu, waanuma duraan jedhaa turan irra deddeebi’u agarra.    
Jalqabuma irraa eegalee adeemsa nagayaa qulqullinnaan geggeessuun akka dandayamu qabxiilee furtuu armaa gadii irratti fuulleffachuun ibsa kennuu barbaanna:
1) Mootummaan Itoophiyaa dhibdee Oromiyaa nagaan furuuf sadarkaa itti ilaalalmuu qabu irraa hanqisee dhimma sadarkaa idil-addunyaatti ilaalamuu male sadarkaa naannootti gadi buuse xiqqeessaa jira. ABO-WBOn sababaalee armaa gadii irratti hundaawuun jaarsummaa fi araara irra-dibaa gosa kanaa kufaa taasisee jira: 
a) Dirree finxaalummaa siyaasaa ammaa keessatti, jaarsa wal-qixxeessaa fi hin- baabsiin biyya keessaa soqanii arguun waan yaadamuu miti, osoo akka carraa tayee jaarsi qama lamaaniin fudhatamu argameeyyuu, manguddummaan biyya keessaa dhiibbaa mootummaatii ala ta’a jedhee WBOn hin amanu. 
b) Araaraa fi jaarsummaan sona-qabeessi ogummaa, dhiheessii fi geejjibaa, akkasumas meeshaa adda addaa gaafata. Hogganootaa fi ajajoonni ol’aanoon WBO dirree lolaa keessaa bawuu fi deebi’anii seenuu qaban. Wabiin nageenna isaanitii fi dhiheessii fi geejjibaa /logistics/ abdachiisaan madden humnoota addunyaa irraa burqa. 

c) Araara sona-qabeessaa fi hujitti hiikamu geggeessuuf beekkamtii mootummaa hin baabsiine sadaffaa argachuun murteessaadha; adeemsi nagaya buusuus  ol’aantumma mootummaa hin-baabsiine sadaffaatiin tooyatamuu qaba. 

d) Waliigatee haasawaa irraa maddu hujii irra oolchuun wabii humnoota addunyaa barbaachisa; kunis haal-duree filmaata biraa hin qabne dha. Addunyaa har’aa keessatti argamnu keessatti mootummoonni waliigaltee hujii irra oolchuuf humna qaban aangaawota qubaan lakkaawaman dha. 

2) Mootummaan Naannoo Oromiyaa qamaa dhimma nagayaa waliin haasahamuu qabu  tawuu beeknus adeemsi araaraa fi hariiroon WBO wajjiin godhamu mootummaa federaalaatiin geggeeffamuu qaba. Sababiin isallee, qaamni WBO seeraan ala taasise paarlaamaa mootummaa federaalaati malee Caffee Naannoo Oromiyaatii miti. Kanarrattis dabalee lola lafarratti WBO wajjiin geggeeffamaa jiru kan ol’aantummaan qindeessaa jiru waraana mootummaa federaalaati. Kanaafuu adeemsi nagayaa kan WBO wajjiin godhamu seeraanis tayee hujii qabatamaan dandeettii mootummaa naannoo Oromiyaatii oli dha.
3) Ija heeraatii fi seeraatiin yoo laalame waamichi kun WBO hin ilaalu; presedantichi naannawaa ammaallee maqaa nam-tolchee ittiin WBO waaman “ABO Shanee” jedhee waamuu itti fufee jira. Maqaa kanatti gargaaramuun garaagarummaa hundee qabaatuu baatullee rakkoo xaxamaa shakkii dacha qabu kana qulqulleessuu fi furuuf hin gargaaru; dabalataanis qaamni kun dhimma nagayaa garamitti akka oofuu barbaadu agarsiisa. 
Mootummaan Itoophiyaa yoo dhugamaan lola Oromiyaa keessa jiru furmaata itti tolchuuf fedhii qabaate, sirna araaraa biyyoolessaa fi idil-addunyaa kabajuu fi hordofuu qaba. Mootummaan nagaa buusuuf adeemsi hanga ammaatti hordofe kan maqaa nagaa dhahuuf nama dandeessisu osoo hin taane, kan itti qoosaa jiru isa fakkeessa!

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO Gurraandhala 18, 2023



 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading