• Sat. Sep 23rd, 2023

Loowwan Booranaa hongee dandamachiifnaan Boorana irraa konkolaataan gara magaalaa Buraayyuutti buufaman kununsa dhabuun miidhaan irra ga’aa jiraachuun ifoomee

Feb 21, 2023

ONM-ABO Guraandhala 21, 2023

Balaan hongeen kibba Oromiyaatti qaqqabsiisuuf deemaa jiru irra deddeebiin karaa ogeessotaa fi jiraattotaan itti himamaa turuus gurra kan dhorkate murni bilxiginnaa, miidha yeroo ammaa hongeen kun uummata irraan ga’aa jiruuf furmaata waaraa laachuu hin dandeenye.

Hongeen qaqqabe kan oomishni didee uummatni beelaaf saaxilamuun hanga lubbuu darbuutti kan ga’e yoo ta’u, horiin uummatas marga dheedichaa dhabuun lafetti baatee, kan duutes hedduu dha.

Keessaayuu rakkoon godina Booranaa keessatti mutate hedduu dha.

Murni bilxiginnaa erga rakkoon uummata hubee keessatti argamuun maallaqa hawaasni arjoomee fi gargaarsa dhaabbileen miti mootummaa dhiyeessan hiruuf yeroo gidduutti argametti, loowwan Booranaa gara giddu galeessa Oromiyaatti geessuuf murteessaan.

Akka kanaanis  loowwan hongee dandamachiisuuf godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti fidanii turan.

Loowwan magaalaa Buraayyuu naannoo Ashawaa Meedaa qubsiifaman kun yeroo ammaa kununsa barbaachisu dhabuun keessaa kan du’an hedduu dha.

Kana malees huqqachuunii fi deemsa dadhabuun bakkee irra ciisaa oolu.

Murni bilxiginnaa loowwan kana balaa irraa oolcheen hawaasa gargaara sababa jedhuun bu’aa siyaasaaf uummata irraa walitti qabus, loowwan sana guyyaa fidan irraa kaasanii xiyyeeffannoo hin laanneefi.

Akka namootni dubbatanitti murni bilxiginnaa uummata irraa bitee, dhaabbilee barnootaaf raabsuunii fi tajaajila biroo irra oolchuun osoo jiru bakka tokko tursiisuun kun rakkoo dabalataaf saaxiluu dha jedhan.

Uummatni Oromoo godina Booranaa miidhaa hongee irraan ga’een namaa fi loowwan isaa itti dhabaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply