ONM-ABO Guraandhala 27, 2023
Godina baha Harargee aanaa Kombolchaa araddaa Bilisummaa bakka addaa Gaara Bacaqqee jedhamtutti dheengadda ganama Guraandhala 25, 2023 lola waraana bilisummaa Oromoo fi tiksitoota sirna bilxiginnaa waliin gaggeeffaameen waraanni PP hedduun du’uun gariin madaa’an.
Harcaatuun waraana faashistii bilxiginnaa guyyaa sana lola irra oolan faffaca’uun galgala isaa aradduma Bilisummaa bakka Qaalluu jedhamtutti uummata naannichaan isintu WBO gargaare nu lolchiise jechuun hahaha nagaa reebaa turan.
Gandicha keessatti namni galgala gad ba’ee ala deeme lubbuu isaaf isumaatu itti gaafatama jechuun mana irra deemanii dorsiisaa turan.
Itti dabaluniis aanuma Kombolchaa sana keessatti kaleessa ganama hanga WBO isin keessaa baafnutti uummanni araddaa tokkoo araddaa biraa akkan seenne jechuun uummatni magaalaa ba’ee waan barbaadu akka hin bitanne dhorkaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.