• Thu. Apr 25th, 2024

Waggoottan shanan kana keessaatti erga faashiistiichi Abiy Ahimed gara aangootti dhufe ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garagaraati baatii dheeraaf mana hidhaa keessattii daraaraa arguun booda achi keessaa baafamanii bosonatti geeffamuun akka bineensaatti ajjeeffaman lakkoofsi isaanii hedduu dha

Mar 10, 2023

ONM-ABO 10 Bitootessa 2023

Gochi mirga namoota hidhamanii sarbuun ajjeesuu kun itti fufuun  godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo degertu jedhuu itti maxxansuun baatii lama oliif erga mana hidhaatti rakkisaa turaaniin booda namoota 12 Bitooteessaa 7, 2022 halkaan irraa mana hidhaa  keessaa baasuun waraanni garboomfataa Abiy Ahimed gara bosonaati geessuun  ajjeessan.

Namoota ajjeeffaaman kana keessaa kan maqaa arganne Dinquu Magarsaa, Bushee Kabbaadee, Dhaabaa Guddinaa,Tashaalee Soorii fi Situcaalaa Oljirraa Kan jedhaman ta’uu jiraattotni Arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Waraanni faashistii kun guyyaa dheengadda Bitootessa 8, 2023 achuma aanaa Gudayyaa Biilaa ,magaala Biilaa keessatti barsiisaa ispoortii teekwaandoo Alamayyoo Kidaanee jedhamu bakka hojii isaatii qabuun ajjeessan.

Ajjeechaan mana hidhaatti baasaanii ilmaan oromoo gara laafinaa tokko malee ajjeessan kun guyyaa gara guyyaatti babal’aachaa  jiraachuun kan nuuf himan jiraattotni, gocha hamaa kana ofirraa dhaabsisuuf sirnicha tokkummaan falmachuutu furmaata jechuun yaada isaanii nuu qoodaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading