ONM-ABO 11 Bitootessa 2023
Murni caasaa bulchiinsaan gad of dhaabuu dadhabe bilxiginnaan waraana hedduu bobbaasuun waan karoorse hin arganne bilxiginnaa basaastota bifa haaraan leenjisuun sabboontota ittiin kiyyeessuuf hojjechaa jira.
Basaastotni leenjii fudhatanii bobbaafaman godinaalee waraanni bilisummaa Oromoo hin jabaanne jechuun adda baafatan keessatti caasaa fi humni WBO keessatti akka hin jajjabaanneef irratti hojjechuufi.
Godinaalee kanneen keessatti sabboontotaa fi namoota hidha ABO qabu hidhuu karoora jedhu baafatanii godinaalee akka dhufanis beekameera.
Gochoota kanas godina Baalee lameen, Arsii, Harargee fi Jimmaa keessatti bal’inaan akka bobbaasan keessa beeytonni himaa jiru.
Basaastotni bilxiginnaa kun bakki isaan irratti xiyyeeffatan manneen amantaa, iddoo bashannanaa ykn kaaffeewwan, bakka walga’a dargaggootaa keessaa’uu iddoo leenjii ispoortii gara garaa fi bakka hawaasni itti wal ga’u hundaa irra deemanii akka hojjatan baajata guddaa ramaduun akka bobbaasan beekameera.
Haa ta’u malee murni bilxiginnaa hanga kana dhama’us caasaa fi humna WBO godinaalee kamirraayyuu ittisuu akka hin dandeenye sochii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo godinaalee Oromiyaa fi funyaan Finfinnee jalatti gochaa jiru ragaa dha.

