ONM-ABO Bitootessa 13, 2023
Sirni dabaan utubamee Oromiyaa balleessee Itiyoopiyaa ijaaruuf dhama’u bilxiginnaan daangaa oromiyaa cabsisiisuun finxaaliyyii Amaaraa Oromiyaa keessa galchee maqaa faannoo jedhuun dhiiga lammiiwwanii dhangalasaa, qabeenyaa saamsisaa fi duguggaa sanyii raawwachiisuu akkuma itti fufetti jira.
Roobii darbe Bitootessa 8, 2023 aanaa Galiilaa ganda Baredduu keessatti humni hidhatee socho’u Faannoon daldaltoota Oromoo qabeenyaa tilmaamaan miliyoona saddet ta’u irraa saamuun barameera.
Namootni qabeenyaan kun Jalaa saamame keessaa kan maqaa arganne Daani’eel Baqqalaa, Alamayyoo Baqalaa, Lalisaa Tolosaa, Baqaalaa Katamaa, Molaatuu Badhaanee fi Katamaa Garbaa namoota jedhaman ta’un ifoomeera.
Itti dabalunis onuma Galiilaa keesatti namoota hedduu konkolaataa irraa buusuun qabanii fudhanii deeman keessa namoota isaan ajjeesan kan reeffii bakkeetti argame, Ragaasaa fi Darajjee Amanuu kanneen jedhaman ta’u maddeen keenya Arraataa Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.